Mark 5:18-20
18Utuu Yesuus bidiruu yaabbachaa jiruu namichi hafuura hamaan qabamee ture sun isa wajjin deemuuf isa kadhate. 19Yesuus garuu, “Gara mana keetii, warra keetti galiitii waan guddaa Gooftaan siif godhee fi akkamitti akka inni si maares isaanitti odeessi!” jedheen malee hin eeyyamneef. 20Kanaafuu namichi sun dhaqee waan Yesuus isaaf godhe Magaalaa Kurnan keessatti odeessuu jalqabe. Namoonni hundinuus ni dinqifatan.
Copyright information for
GazHAHl