‏ Mark 5:21-24

Durba Duutee fi Dubartii Dhukkubsatte Tokko

5:22‑43 kwf – Mat 9:18‑26; Luq 8:41‑56

21Yommuu Yesuus bidiruudhaan ammas gara gama galaanaatti ceʼetti namoonni hedduun isa biratti walitti qabaman; innis qarqara galaanaa ture. 22Hooggantoota mana sagadaa keessaas namichi Yaaʼiiros jedhamu tokko dhufe; innis yommuu Yesuusin argetti, miilla isaa irratti kufee, 23“Intalli koo xinnoon duʼuu geesseerti. Akka isheen fayyitee jiraattuuf, maaloo kottuutii harka kee ishee irra kaʼi” jedhee jabeessee isa kadhate. 24Kanaafuu Yesuus isa wajjin dhaqe.

Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; gara isaattis wal dhiibaa turan.
Copyright information for GazHAHl