‏ Mark 6:1-6

Raajii Kabaja Dhabe

6:1‑6 kwf – Mat 13:54‑58

1Yesuus achii baʼee gara magaalaa itti dhalatee dhaqe; barattoonni isaas isa wajjin dhaqan. 2Innis guyyaan Sanbataa geenyaan mana sagadaatti barsiisuu jalqabe; warri isa dhagaʼan baayʼeenis ni dinqisiifatan.

Isaanis akkana jedhanii gaafatan; “Namichi kun wantoota kanneen eessaa argate? Ogummaan isaaf kenname kun maali? Hojiiwwan dinqisiisoon harka isaatiin hojjetaman kanneen akkanaa maali?
3Namichi kun sooftuu mukaa mitii? Inni ilma Maariyaam, obboleessa Yaaqoob, kan Yoosaa, kan Yihuudaa fi kan Simoon mitii? Obboleettonni isaa as nu bira jiru mitii?” Isaanis isatti gufatan.

4Yesuus immoo, “Raajiin magaalaa itti dhalatetii, firoota isaa keessattii fi mana isaatti malee kabaja hin dhabu” jedheen. 5Innis dhukkubsattoota muraasa irra harka isaa kaaʼee fayyisuu malee hojii dinqisiisaa tokko illee achitti hojjechuu hin dandeenye. 6Innis amantii dhabuu isaaniitiif dinqifate.

Yesuus Jara Kudha Lamaan Erguu Isaa

6:7‑11 kwf – Mat 10:1,9‑14; Luq 9:1,3‑5

Yesuusis namoota barsiisaa ganda tokko irraa gara ganda biraatti naannaʼaa ture.
Copyright information for GazHAHl