Mark 6:53-56
53Isaanis yommuu gama ceʼanitti Geensereexitti bidiruu irraa buʼan; bidiruu sanas achitti hidhan. 54Akkuma isaan bidiruu irraa buʼaniinis namoonni Yesuusin beekan. 55Namoonni sunis biyya sana guutuu keessa asii fi achi fiiganii iddoo Yesuus achi jira jechuu dhagaʼan hundumatti dhukkubsattoota sireedhaan baatanii fiduu jalqaban. 56Iddoo inni dhaqe kam illee jechuunis gandoota, magaalaawwan yookaan baadiyyaa hundatti warra dhukkubsatan fidanii lafa gabaa kaaʼan. Isaanis akka dhukkubsattoonni sun handaara wayyaa isaa illee tuqaniif isa kadhatan; warri handaaruma wayyaa isaa tuqan hundinuus ni fayyan.
Copyright information for
GazHAHl