‏ Mark 9:30-32

30Isaan achii kaʼanii Galiilaa keessa darban. Yesuusis akka namni tokko iyyuu kana beeku hin barbaanne; 31sababiin isaas, “Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama. Isaanis isa ni ajjeesu; innis guyyaa sadii booddee duʼaa ni kaʼa” jedhee barattoota isaa barsiisaa ture. 32Isaan garuu waan inni jedhe hin hubanne; isa gaafachuus ni sodaatan.
Copyright information for GazHAHl