Mark 9:38-40
Namni Nuun Hin Mormine Kam iyyuu Garee keenya
9:38‑40 kwf – Luq 9:49,50
38Yohannisis, “Yaa barsiisaa, nu utuu namni tokko maqaa keetiin hafuurota hamoo baasuu arginee waan inni nu duukaa hin buuneef isa dhowwine” jedhe. 39Yesuus garuu akkana jedhe; “Isa hin dhowwinaa; namni maqaa kootiin dinqii hojjetu kan ergasii immoo dafee waaʼee koo waan hamaa dubbachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiruutii. 40Namni nuun hin mormine kam iyyuu kanuma keenyaatii.
Copyright information for
GazHAHl