‏ Matthew 10

Yesuus Barattoota Kudha Lamaan Erguu Isaa

10:2‑4 kwf – Mar 3:16‑19; Luq 6:14‑16; Hoj 1:13

10:9‑15 kwf – Mar 6:8‑11; Luq 9:3‑5; 10:4‑12

10:19‑22 kwf – Mar 13:11‑13; Luq 21:12‑17

10:26‑33 kwf – Luq 12:2‑9

10:34,35 kwf – Luq 12:51‑53

1Yesuus barattoota isaa kudha lamaan ofitti waamee akka isaan hafuurota xuraaʼoo baasaniif, dhibee fi dhukkuba hundumaa akka fayyisaniif taayitaa kenneef.

2Maqaan ergamoota kudha lamaaniis kana:

Jalqabatti Simoon isa Phexros jedhamuu fi obboleessa isaa Indiriiyaas,
Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis,
3Fiiliphoos, Bartaloomewoos,
Toomaas, Maatewos isa qaraxa walitti qabu,
Yaaqoob ilma Alfewoosii fi Taadewoos,
4Simoon Hinaafticha, Yihuudaa Keeriyoticha isa Yesuusin dabarsee kenne.

5Yesuusis warra kudha lamaan kanneen erge; akkanas jedhee isaan ajaje; “Gara Namoota Ormaa hin dhaqinaa; magaalaawwan Samaariyaa tokko illee hin seeninaa. 6Qooda kanaa gara hoolota mana Israaʼel kanneen badan sanaa dhaqaa. 7Yommuu dhaqxanittis, ‘mootummaan samii dhiʼaateera’ jedhaa lallabaa. 8Dhukkubsattoota fayyisaa; warra duʼan kaasaa; warra lamxaaʼan qulqulleessaa; hafuurota hamoo baasaa. Tola waan argattaniif toluma kennaa.

9 “Sabbata keessanitti warqee yookaan meetii yookaan sibiila diimaa hin qabatinaa; 10karaa keessaniif korojoo yookaan kittaa lama yookaan kophee yookaan ulee hin qabatinaa; hojjetaaf waan isa barbaachisu argachuun ni malaatii. 11Magaalaa yookaan ganda seentan kam iyyuu keessa nama malu barbaadaa; hamma achii baatanittis manuma isaa turaa. 12Yommuu mana sana seentanittis nagaa gaafadhaa. 13Nagaan keessan yoo mana sanaaf male, mana sanaaf haa taʼu; yoo isaaf hin malin garuu nagaan keessan isiniif haa deebiʼu. 14Yoo namni tokko illee isin simachuu baate yookaan dubbii keessan dhagaʼuu baate, yeroo mana yookaan magaalaa sanaa baatanitti awwaara miilla keessanii dhadhaʼadhaa. 15Ani dhuguma isinittin hima; guyyaa murtiitti magaalaa sana irra Sodoomii fi Gomoraaf ni salphata.

16 “Kunoo, ani akka hoolotaa gara gidduu yeeyyiittin isin erga. Kanaafuu akka bofaa ogeeyyii, akka gugee garraamii taʼaa. 17Namoota irraa of eeggadhaa; isin dabarfamtanii yaaʼiitti ni kennamtu; manneen sagadaa keessattis ni garafamtu. 18Isinis akka isaanii fi Namoota Ormaatti dhuga baatota taataniif anaaf jettanii fuula bulchitootaatii fi moototaa duratti ni dhiʼeeffamtu. 19Yommuu dabarsanii isin kennanis akkamitti akka dubbattan yookaan maal akka dubbattan hin yaaddaʼinaa. Wanni isin dubbattan yeruma sanatti isiniif kennama; 20Hafuura Abbaa keessaniitu isin keessaa dubbata malee isintu dubbata mitii.

21 “Obboleessi dabarsee obboleessa duʼatti kenna; abbaan dabarsee ijoollee isaa duʼatti kenna; ijoolleenis warra isaaniitti kaʼanii isaan ajjeesu. 22Namni hundinuu sababii kootiif isin jibba; kan hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya. 23Yommuu magaalaa tokko keessatti isin ariʼatanitti, gara magaalaa kaaniitti baqadhaa; ani dhuguma isinittin hima; hamma Ilmi Namaa dhufutti magaalaawwan Israaʼel hundumaa keessa naannoftanii waliin hin geessan.

24 “Barataan barsiisaa isaatii ol miti; garbichis gooftaa isaatii ol miti. 25Barataan tokko akka barsiisaa isaa taʼuun, garbichi tokko immoo akka gooftaa isaa taʼuun ni gaʼa. Erga abbaa manaatiin ‘Biʼeelzebuul’ jedhanii, warra mana isaa jiraataniin immoo hammam kana caalaa haa jedhan ree!

26 “Kanaafuu isaan hin sodaatinaa. Wanni haguugamee utuu hin mulʼifamin hafu yookaan wanni dhokfamee utuu hin beekamin hafu tokko iyyuu hin jiruutii. 27Waan ani dukkana keessatti isinitti himu guyyaa adiin odeessaa; waan gurratti isinitti hasaasan, bantii manaa irraa labsaa. 28Warra foon malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Qooda kanaa Isa gahaannam keessatti foonii fi lubbuu balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa. 29Daaloteen lama saantima tokkotti gurguramu mitii? Isaan keessaa garuu tokko iyyuu fedhii Abbaa keessanii malee lafa hin buutu. 30Rifeensi mataa keessanii hundis lakkaaʼameera. 31Kanaaf hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.

32 “Kanaafuu nama fuula namootaa duratti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, anis fuula Abbaa koo isa samii irraa duratti dhugaa nan baʼa. 33Nama fuula namootaa duratti na ganu kam iyyuu garuu anis fuula Abbaa koo isa samii irraa duratti nan gana.

34 “Isin waan ani lafa irratti nagaa buusuuf dhufe hin seʼinaa. Ani goraadee fiduuf malee nagaa buusuuf hin dhufne. 35Ani, “ ‘Nama abbaa isaatti,
intala immoo haadha isheetti,
niitii ilmaas amaatii isheetti kaasuuf dhufeeraatii;
36 diinonni namaa, miseensotuma mana isaatii.’

37 “Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa na caalchisee jaallatu kam iyyuu naaf hin malu; namni ilma isaa yookaan intala isaa na caalchisee jaallatu kam iyyuu naaf hin malu. 38Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuu naaf hin malu. 39Namni lubbuu isaa oolfatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni argata.

40 “Namni isin simatu na simata; namni na simatu immoo isa na erge sana simata. 41Namni raajii tokko sababii inni raajii taʼeef simatu kam iyyuu gatii raajii ni argata; namni nama qajeelaa tokko sababii inni nama qajeelaa taʼeef simatu gatii nama qajeelaa tokkoo ni argata. 42Ani dhuguman isinitti hima; namni kam iyyuu yoo warra xixinnaa kanneen keessaa isa tokkoof sababii inni barataa koo taʼeef bishaan qabbanaaʼaa budduuqsaa tokkoo illee kenne, inni dhugumaan gatii isaa hin dhabu.”
Copyright information for GazHAHl