Matthew 12:9-14
9Innis achii kaʼee mana sagadaa isaanii seene; 10kunoo, namichi harki irratti goge tokkos achi ture. Isaanis sababii ittiin Yesuusin himatan barbaadaa waan turaniif, “Guyyaa Sanbataatiin nama fayyisuun seeraa?” jedhanii isa gaafatan. 11Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Isin keessaa namni hoolaa tokko qabu, yoo hoolaan sun guyyaa Sanbataatiin boolla keessa buʼe, kan harkisee hin baafanne jiraa? 12Namni immoo hammam hoolaa caalaa gatii guddaa haa qabaatu ree! Kanaafuu Sanbataan waan gaarii hojjechuun eeyyamamaa dha.” 13Namichaanis, “Harka kee diriirfadhu” jedhe. Namichis harka diriirfate; harki isaas guutummaatti fayyee akkuma isa kaanii taʼe. 14Fariisonni garuu gad baʼanii akka ittiin Yesuusin ajjeesan mariʼatan.
Copyright information for
GazHAHl