‏ Matthew 18:1-5

Nama Mootummaa Samii Keessatti Nama Hunda Caalu

18:1‑5 kwf – Mar 9:33‑37; Luq 9:46‑48

1Yeruma sana barattoonni gara Yesuus dhufanii, “Yoos mootummaa samii keessatti kan hundumaa caalu eenyu?” jedhanii gaafatan.

2Innis mucaa xinnaa tokko ofitti waamee isaan gidduu dhaabe. 3Akkanas jedhe: “Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa samiitti hin galtan. 4Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa samii keessatti nama hunda caala. 5Namni daaʼima akkanaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata.
Copyright information for GazHAHl