‏ Matthew 18:12-14

12 “Isin maal seetu? Namni tokko yoo hoolota dhibba qabaatee hoolota sana keessaas tokko bade, namichi sun sagaltamii sagallan hafan kaan tulluuwwan irratti dhiisee tokkicha bade sana barbaaduu hin dhaquu? 13Ani dhuguman isinitti hima; inni yoo hoolaa sana argate, hoolota sagaltamii sagallan hin badin irra hoolaa tokkicha sanatti caalaa ni gammada. 14Akkasuma immoo isaan xixinnoo kanneen keessaa tokko iyyuu akka badu fedhii Abbaa keessan isa samii irraa miti.
Copyright information for GazHAHl