Matthew 19:13-15
Yesuus Daaʼimman Xixinnoo Eebbise
19:13‑15 kwf – Mar 10:13‑16; Luq 18:15‑17
13Ergasii akka inni harka isaan irra kaaʼee isaaniif kadhatuuf ijoollee xixinnoo Yesuusitti fidan. Barattoonni garuu isaan ifatan. 14Yesuusis, “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan samii kan warra akkanaatii” jedhe. 15Innis erga harka isaa isaan irra kaaʼee booddee achii deeme.
Copyright information for
GazHAHl