‏ Matthew 20:17-19

Yesuus Yeroo Sadaffaa Waaʼee Duʼa Isaa Duraan Dursee Dubbate

20:17‑19 kwf – Mar 10:32‑34; Luq 18:31‑33

17Yesuus utuu Yerusaalemitti ol baʼaa jiruu barattoota kudha lamaan kophaatti baasee akkana jedheen: 18“Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi Namaas dabarfamee luboota hangafootattii fi barsiistota seeraatti ni kennama. Isaanis duʼa itti muru; 19akka isaan itti qoosaniif, isa garafanii fi isa fannisaniifis dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu. Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafama!”
Copyright information for GazHAHl