‏ Matthew 20:29-34

Jaamonni Lama Fayyifamuu Isaanii

20:29‑34 kwf – Mar 10:46‑52; Luq 18:35‑43

29Utuu Yesuusii fi barattoonni isaa Yerikoodhaa baʼaa jiranuu, tuunni namootaa guddaan isa duukaa buʼe. 30Kunoo, jaamonni lama qarqara karaa tataaʼaa turan; isaanis yommuu akka Yesuus achiin darbaa jiru dhagaʼanitti iyyanii, “Gooftaa, yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhan.

31Tuunni sunis akka isaan calʼisaniif isaan ifate; isaan garuu, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhanii ittuma caalchisanii iyyan.

32Yesuusis dhaabatee isaan waamee, “Akka ani maal isinii godhu barbaaddu?” jedhee isaan gaafate.

33Isaan immoo, “Yaa Gooftaa, akka iji keenya nuuf banamu barbaanna” jedhanii deebisan.

34Yesuusis garaa laafeefii ija isaanii qaqqabe. Isaanis yeruma sana arganii isa duukaa buʼan.
Copyright information for GazHAHl