‏ Matthew 21:12-16

Yesuus Mana Qulqullummaa Keessatti

21:12‑16 kwf – Mar 11:15‑18; Luq 19:45‑47

12Yesuus mana qulqullummaa seenee warra mana qulqullummaa keessatti bitatanii fi gurguratan hundumaa ariʼe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche. 13Innis, “ ‘Manni koo mana kadhannaa jedhama’ jedhamee barreeffameera; isin garuu holqa saamtotaa gootaniirtu” isaaniin jedhe.

14Jaamonnii fi warri naafatan mana qulqullummaa keessatti gara isaa dhufan; innis isaan fayyise. 15Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa yommuu hojii dinqisiisaa inni hojjete arganii ijoollee mana qulqullummaa keessatti, “Hoosaaʼinaa ilma Daawitiif” jedhanii iyyan dhagaʼanitti ni aaran.

16Isaanis, “Ati waan ijoolleen kunneen jedhan dhageessaa?” jedhanii isa gaafatan.

Yesuus immoo, “Eeyyee;” isin waan, “ ‘Yaa Gooftaa, ati afaan daaʼimmaniitii fi mucoolii harma hodhanii irraa,

galata qopheessiteerta’

jedhu sana takkumaa hin dubbifnee?”

jedhee deebise.
Copyright information for GazHAHl