‏ Matthew 21:18-22

Mukni Harbuu Goguu Isaa

21:18‑22 kwf – Mar 11:12‑14,20‑24

18Yesuus ganama barii utuu gara magaalattiitti deebiʼuu beelaʼe. 19Muka harbuu tokkos karaa biratti argee itti gore; garuu baala malee waa tokko illee hin arganne. Innis, “Iji bara baraan sirratti hin argamin!” jedheen. Mukni sunis yeruma sana goge.

20Barattoonnis yommuu waan kana arganitti ni dinqisiifatan. Isaanis, “Harbuun sun akkamitti yommusuma goge?” jedhanii gaafatan.

21Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman isinitti hima; yoo amantii qabaattan, yoo mamuu baattanis, waan muka harbuu sana irratti taʼe qofa utuu hin taʼin, tulluu kanaan illee, ‘Kaʼi! Galaanatti darbatami!’ yoo jettan ni taʼa. 22Isin yoo amantii qabaattan waan kadhannaadhaan gaafattan hunda ni argattu.”
Copyright information for GazHAHl