Matthew 21:4-9
4Kunis akka wanni karaa raajichaatiin dubbatame sun raawwatamuuf taʼe; innis akkana jedha: 5“Akkana jedhaa Intala Xiyoonitti himaa;‘Kunoo, mootiin kee gad of qabee,
harree yaabbatee, ilmoo harree jechuunis
harree xinnoo yaabbatee, gara kee dhufa.’ ” ▼
6Barattoonnis dhaqanii akkuma Yesuus isaan ajaje godhan. 7Isaanis harree fi ilmoo harree sana fidan; uffata isaaniis isaan irra buusan; Yesuusis isaan irra taaʼe. 8Namoonni akka malee baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan mukaa kukkutanii karaa irra bubuusan. 9Namoonni isa dura deemaa turanii fi warri isa duukaa buʼaa turan iyyanii, “Hoosaaʼinaa Ilma Daawitiif!”
“Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” ▼
“Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!” jedhan.
Copyright information for
GazHAHl