‏ Matthew 22

Fakkeenya Cidha Fuudhaa fi Heerumaa

22:2‑14 kwi – Luq 14:16‑24

1Yesuus ammas akkana jedhee fakkeenyaan deebii kenneef: 2“Mootummaan samii mootii ilma isaatiif cidha fuudhaa qopheesse tokko fakkaata. 3Innis akka isaan warra cidha sanatti affeeraman waamaniif garboota isaa erge; warri waamaman sun garuu dhufuu hin barbaanne.

4 “Ammas akkana jedhee garboota biraa erge; ‘Kunoo ani irbaata koo qopheesseera: Sangoonni koo, horiin koo coccoomoonis qalamanii wanni hundinuu qopheeffameera. Gara cidha fuudhaa fi heerumaa kottaa jedhaatii warra affeeraman sanatti himaa.’

5 “Isaan garuu tuffatanii, inni tokko gara lafa qotiisaa isaa, kaan immoo gara daldala isaa dhaqe. 6Warri hafan immoo garboota isaa qabanii salphisan; ni ajjeesanis. 7Mootichis ni aare. Loltoota isaas ergee warra garboota isaa ajjeesan sana balleesse; magaalaa isaaniis ni gube.

8 “Ergasii inni garboota isaatiin akkana jedhe; ‘Dhangaan cidha fuudhaa qopheeffameera; warri affeeraman garuu cidha kanaaf hin malle. 9Kanaafuu gara qaxxaamura karaatti baʼaatii nama argitan hunda gara cidhaatti affeeraa.’ 10Garboonni sunis karaatti baʼanii nama argan hunda, hamaas gaariis walitti qaban; galmi cidhaa sunis keessummootaan guutame.

11 “Mootichi yommuu keessummoota ilaaluuf ol seenetti, nama uffata cidhaa hin uffatin tokko achitti arge. 12Innis, ‘Yaa michuu ko, ati akkamitti utuu uffata cidhaa hin uffatin as seente?’ jedhee isa gaafate. Namichi garuu waan dubbatu dhabe.

13 “Mootichis tajaajiltoota isaatiin, ‘Namicha kana harkaa fi miilla hidhaatii dukkana alaatti gad darbadhaa; achittis booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa’ jedhe.

14 “Warri affeeraman baayʼeedhaatii; warri filataman garuu muraasa.”

Qeesaariif Gibira Kaffaluu

22:15‑22 kwf – Mar 12:13‑17; Luq 20:20‑26

15Ergasiis Fariisonni waanuma inni dubbatuun isa qabuuf gad baʼanii Yesuusitti mariʼatan. 16Isaanis barattoota isaanii garee Heroodis wajjin isatti ergan. Akkanas jedhan; “Yaa barsiisaa, akka ati nama dhugaa taate, akka ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiiftu beekna. Ati nama wal hin caalchiftu; fuula namaas hin ilaaltu. 17Egaa mee nutti himi; yaadni kee maali? Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?”

18Yesuus garuu hammina isaanii beekee akkana jedhe; “Yaa fakkeessitoota nana, isin maaliif na qortu? 19Mee maallaqa gibira kaffaltan natti argisiisaa.” Isaanis diinaarii tokko isatti fidan; 20inni immoo, “Fakkiin kun kan eenyuu ti? Katabbiin kunis kan eenyuu ti?” jedhee isaan gaafate.

21Isaanis, “Kan Qeesaari” jedhanii deebisan.

Kana irratti inni, “Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen.

22Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti ni dinqifatan. Kanaaf isa dhiisanii qajeelan.

Waaʼee Duʼaa Kaʼuu

22:23‑33 kwf – Mar 12:18‑27; Luq 20:27‑40

23Guyyuma sana Saduuqonni warri duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan tokko tokko gara isaa dhufanii gaaffii isa gaafatan. 24Akkanas jedhan; “Yaa barsiisaa, Museen, ‘Namni tokko niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin yoo duʼe obboleessi isaa niitii sana dhaalee obboleessa isaatiif sanyii haa dhaabu’ jedhee nutti himeera. 25Kunoo obboloota torbatu nu bira ture. Inni jalqabaa niitii fuudhee utuu ijoollee hin qabaatin niitii isaa obboleessa isaatti dhiisee duʼe. 26Obboleessa lammaffaa fi sadaffaa irratti, hamma isa torbaffaattis waanuma sanatu taʼe. 27Dhuma irratti dubartittiinis ni duute. 28Egaa guyyaa duʼaa kaʼuutti, torban isaanii keessaa isheen niitii isa kamii taati? Hundi isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.”

29Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Waaqaa hin beekneef dogoggortu. 30Guyyaa duʼaa kaʼuutti namoonni akka ergamoota samii taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis. 31Garuu isin waan Waaqni waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii isiniin jedhe hin dubbifnee? Innis akkana jedha; 32‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob.’ Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti.”

33Namoonni yommuu waan kana dhagaʼanitti, barsiisa isaa dinqifatan.

Ajaja Ajajawwan Hunda Caalu

22:34‑40 kwf – Mar 12:28‑31

34Fariisonni yommuu akka Yesuus Saduuqota afaan qabachiise dhagaʼanitti walitti qabaman. 35Isaan keessaas hayyuun seeraa tokko akkana jedhee gaaffii kanaan isa qore: 36“Yaa barsiisaa, seera keessaa ajajni guddaan isa kami?”

37Yesuusis akkana jedheen; “Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu. 38Kunis ajaja jalqabaatii fi guddicha. 39Ajajni lammaffaanis isuma fakkaata: ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu’ jedha. 40Seerrii fi Raajonni hundinuu ajajawwan kanneen lamaan irratti hundeeffamu.”

Kiristoos Ilma Eenyuu ti?

22:41‑46 kwf – Mar 12:35‑37; Luq 20:41‑44

41Utuu Fariisonni walitti qabamanii jiranuu Yesuus gaaffii tokko isaan gaafate; 42innis, “Isin waaʼee Kiristoos maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?” jedhe.

Isaanis, “Inni Ilma Daawit” jedhanii deebisan.

43Innis akkana isaaniin jedhe; “Yoos Daawit akkamitti Hafuuraan geggeeffamee, ‘Gooftaa’ isaan jedha ree? Inni akkana jedhaatii: 44 “ ‘Gooftaan Gooftaa kootiin:
“Hamma ani diinota kee
miilla kee jala siif galchutti
gara mirga koo taaʼi” jedhe.’

45 Erga Daawit, ‘Gooftaa’ jedhee isa waame, yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?” 46Namni tokko iyyuu waan tokko isaaf deebisuu hin dandeenye; gaafasii jalqabee namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.
Copyright information for GazHAHl