Matthew 23:1-7
Akeekkachiisa Yesuus Kenne
23:1‑7 kwf – Mar 12:38,39; Luq 20:45,46
23:37‑39 kwf – Luq 13:34,35
1Yesuusis ergasii uummataa fi barattoota isaatiin akkana jedhe: 2“Barsiistonni seeraatii fi Fariisonni barcuma Musee irra taaʼaniiru. 3Kanaafuu waan isaan isinitti himan hundumaa godhaa; eegaas. Garuu waan isaan hojjetan hin hojjetinaa; isaan ni dubbatu malee waan dubbatan sana hin hojjetaniitii. 4Isaan baʼaa ulfaataa hidhanii gatiittii namaa irra kaaʼu; ofii isaaniitii garuu baʼaa sana sochoosuuf qubaan illee tuquu hin barbaadan. 5 “Isaan waan hojjetan hundumaa namootatti of argisiisuuf hojjetu: Kudhaama isaanii ni balʼifatuutii; handaara uffata isaaniis ni dheereffatu. 6Iddoo cidhaatti iddoo ulfinaa, manneen sagadaa keessatti immoo taaʼumsa ulfinaa jaallatu. 7Gabaa keessattis akka namoonni nagaa isaan gaafatanii fi akka ‘Yaa barsiisaa’ jedhanii isaan waaman jaallatu.
Copyright information for
GazHAHl