‏ Matthew 26

Marii Yesuusitti Mariʼatame

26:2‑5 kwf – Mar 14:1,2; Luq 22:1,2

1Yesuus erga waan kana hunda dubbatee raawwatee booddee barattoota isaatiin akkana jedhe; 2“Akkuma isin beektan Faasiikaaf guyyaa lamatu hafa; Ilmi Namaas fannifamuuf dabarfamee ni kennama.”

3Ergasii luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni uummataa dallaa luba ol aanaa isa Qayyaaffaa jedhamuu keessatti walitti qabaman. 4Isaanis haxxummaadhaan Yesuusin qabuu fi ajjeesuuf mariʼatan. 5Isaanis, “Garuu akka namoota gidduutti gooliin hin kaaneef yeroo ayyaanaatti hin taʼin” jedhan.

Yesuus Biitaaniyaatti Shittoo Dibamuu Isaa

26:6‑13 kwf – Mar 14:3‑9

26:6‑13 kwi – Luq 7:37,38; Yoh 12:1‑8

6Utuu Yesuus Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaa jiruu, 7dubartiin tokko shittoo gatiin isaa akka malee guddaa taʼe bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee gara isaa dhufte; akkuma inni maaddiitti dhiʼaateenis shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte.

8Barattoonnis yommuu waan kana arganitti aaranii akkana jedhan; “Waan kana balleessuun maaliif? 9Silaa shittoon kun gatii guddaatti gurguramee maallaqa isaa hiyyeeyyiif kennuun ni dandaʼama tureetii.”

10Yesuusis kana hubatee akkana isaaniin jedhe; “Isin maaliif dubartii kana rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti. 11Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan. 12Dubartiin kun yommuu shittoo kana dhagna koo irrati dhangalaaftetti awwaalaaf na qopheessuudhaaf waan kana goote. 13Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa hunda irratti, iddoo wangeelli kun itti lallabamu kamitti iyyuu wanni isheen gootes yaadannoo isheetiif ni odeeffama.”

Yihuudaan Yesuusin Dabarsee Kennuuf Walii Galuu Isaa

26:14‑16 kwf – Mar 14:10,11; Luq 22:3‑6

14Ergasiis warra Kudha Lamaan keessaa namichi Yihuudaa Keeriyotii jedhamu tokko gara luboota hangafootaa dhaqee, 15“Yoo ani isa dabarsee isinitti kenne isin maal naaf kennitu?” jedhee gaafate. Isaanis meetii soddomaan walii galan. 16Yihuudaanis yeroo sanaa jalqabee Yesuusin dabarsee kennuuf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.

Irbaata Gooftaa

26:17‑19 kwf – Mar 14:12‑16; Luq 22:7‑13

26:20‑24 kwf – Mar 14:17‑21

26:26‑29 kwf – Mar 14:22‑25; Luq 22:17‑20; 1Qr 11:23‑25

17Guyyaa jalqaba Ayyaana Maxinootti barattoonni gara Yesuus dhufanii, “Akka ati Faasiikaa nyaattuuf eessatti akka siif qopheessinu barbaadda?” jedhanii gaafatan.

18Innis deebisee akkana jedhe; “Magaalaa seenaatii nama wayiitiin, ‘Barsiisaan, yeroon koo gaʼeera; ani barattoota koo wajjin Ayyaana Faasiikaa mana keetti nan kabaja siin jedha’ jedhaa.” 19Barattoonnis akkuma Yesuus isaan ajaje sana godhan; Faasiikaas ni qopheessan.

20Yesuusis yommuu galgalaaʼetti warra Kudha Lamaan wajjin maaddiitti dhiʼaate. 21Innis utuma nyaachaa jiranuu, “Ani dhuguma isinitti nan hima; isin keessaa tokko dabarsee na kenna” jedhe.

22Isaanis akka malee gaddanii tokko tokkoon, “Yaa Gooftaa, na taʼinnaa laata?” jedhanii gaafachuu jalqaban.

23Yesuusis akkana jedhee deebise; “Namichi na wajjin gabatee keessa harka kaaʼee cuuphate dabarsee na kenna. 24Ilmi Namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee Ilma Namaa kennu sanaaf wayyoo! Inni utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture.”

25Yihuudaan inni dabarsee isa kennuuf jiru sunis, “Yaa Barsiisaa, na taʼinnaa laata?” jedhe.

Yesuusis, “Atuu jette kaa!” jedhee deebise.

26Utuu nyaachaa jiranuus Yesuus buddeena fuudhee eebbise; caccabsees, “Fudhadhaa nyaadhaa; kun foon koo ti” jedhee barattoota isaatiif kenne.

27Xoofoos fuudhee galata galchee isaaniif kenne; akkanas jedhe; “Hundi keessan kana irraa dhugaa. 28Kun dhiiga koo, dhiiga kakuu haaraa kan dhiifama cubbuu namoota baayʼeetiif dhangalaafamuu dha. 29Ani isinitti nan hima; ani hamman guyyaa isin wajjin mootummaa Abbaa koo keessatti deebiʼee dhugutti ammaa jalqabee ija wayinii kana irraa hin dhugu.”

30Isaanis erga faarfannaa faarfatanii booddee Tulluu Ejersaatti qajeelan.

Yesuus Akka Phexros Isa Ganu Duraan Dursee Dubbate

26:31‑35 kwf – Mar 14:27‑31; Luq 22:31‑34

31Ergasii Yesuus akkana isaaniin jedhe; “Hundi keessan edana sababii kootiif ni gufattu; akkana jedhamee barreeffameeraatii: “ ‘Ani tiksee nan rukuta;
hoolonni karra sanaas ni bittinneeffamu.’

32 Ani garuu ergan duʼaa kaʼee booddee isin dura Galiilaa nan dhaqa.”

33Phexros immoo deebisee, “Yoo namni hundinuu sababii keetiif gufate iyyuu ani gonkumaa hin gufadhu” jedheen.

34Yesuus immoo deebisee, “Ani dhuguma sitti nan hima; ati edana utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” jedheen.

35Phexros garuu, “Ani yoon si wajjin duʼuu qabaadhe illee gonkumaa si hin ganu” jedheen. Barattoonni hundinuus akkasuma jedhan.

Geetesemaanee

26:36‑46 kwf – Mar 14:32‑42; Luq 22:40‑46

36Ergasiis Yesuus barattoota isaa wajjin iddoo Geetesemaanee jedhamu tokko dhaqe; innis, “Hamma ani achi dhaqee kadhadhutti isin as taaʼaa” jedheen. 37Innis Phexrosii fi ilmaan Zabdewoos lamaan of faana fudhatee deeme; gadduu fi yaaddaʼuus jalqabe. 38Ergasiis inni, “Lubbuun koo akka malee gadditee duʼuu geesseerti. Isin asuma turaatii na wajjin dammaqaa” jedheen.

39Innis xinnoo achi hiiqee adda isaatiin lafatti gombifamee, “Yaa Abbaa ko, yoo dandaʼame xoofoon kun narra haa darbu. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin” jedhee kadhate.

40Innis gara barattoota isaatti deebiʼee utuu rafanuu isaan arge. Phexrosiinis akkana jedhe; “Jarana, isin saʼaatii tokkitti illee dammaqxanii na wajjin turuu hin dandeenyee? 41Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa kadhadhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.”

42Ammas yeroo lammaffaa achi hiiqee, “Yaa Abbaa ko, xoofoon kun utuu ani hin dhugin yoo narra darbuu hin dandeenye akkuma fedhii keetii haa taʼu” jedhee kadhate.

43Inni yommuu deebiʼee dhufetti, ammas utuu rafanuu isaan arge; iji isaanii itti ulfaatee tureetii. 44Ammas isaan dhiisee achi hiiqee waanuma kanaan dura kadhate sana irra deebiʼee yeroo sadaffaa kadhate.

45Innis gara barattootaatti deebiʼee akkana jedheen; “Isin amma iyyuu raftanii boqochaa jirtuu? Kunoo, saʼaatiin sun gaʼeera; Ilmi Namaas dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama. 46Kaʼaa ni deemnaa! Kunoo, namichi dabarsee na kennu sun dhufaa jira.”

Yesuus Qabamuu Isaa

26:47‑56 kwf – Mar 14:43‑50; Luq 22:47‑53

47Utuma inni amma iyyuu dubbachaa jiruu, Yihuudaan namichi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sun dhufe. Tuunni luboota hangafootaa fi maanguddoota uummataa biraa ergame guddaanis goraadee fi bokkuu qabatee isa wajjin dhufe. 48Inni dabarsee Yesuusin kennu sunis, “Namichi ani dhungadhu isa; isinis isa qabaa” jedhee mallattoo kenneefii ture. 49Yihuudaanis yommusuma Yesuusitti dhiʼaatee, “Nagumaa yaa barsiisaa!” jedhee isa dhungate.

50Yesuusis deebisee, “Yaa michuu ko, waan dhufteef sana raawwadhu kaa!” jedhe.

Namoonni sun itti dhiʼaatanii Yesuusin qabanii hidhan.
51Kunoo, warra Yesuus wajjin turan keessaa inni tokko goraadee isaa luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa irraa kute.

52Yesuus immoo akkana jedheen; “Goraadee kee iddoo isaatti deebisi; warri goraadee luqqifatan hundinuu goraadeedhaan balleeffamuutii. 53Ati waan ani Abbaa kootti iyyachuu hin dandeenye, waan innis yeruma sana ergamoota Waaqaa Leegewoonii
Leegewooniin Roomaa tokkichi loltoota 6,000 qabata.
Kudha Lamaa olii naa hin ergine seetaa?
54Utuu akkas taʼee immoo wanni Katabbiiwwan Qulqulluun karaa kanaan taʼuu qaba jedhan sun silaa akkamitti raawwatama ree?”

55Saʼaatii sanatti Yesuus tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti na qabuu dhuftanii? Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessa taaʼee barsiisaan ture; isinis na hin qabne. 56Kun hundinuu garuu akka Katabbiiwwan raajotaa Qulqulluun raawwatamaniif taʼe.” Barattoonni hundinuus isa dhiisanii baqatan.

Yesuus Yaaʼii Yihuudootaa Duratti

26:57‑68 kwf – Mar 14:53‑65; Yoh 18:12,13,19‑24

57Warri Yesuusin qaban sunis gara mana luba ol aanaa isa Qayyaaffaa jedhamuu iddoo barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni itti walitti qabamaniitti isa geessan. 58Phexros garuu hamma dallaa mana lubicha ol aanaatti fagootti isa duukaa buʼe. Innis waan taʼuuf jiru arguuf jedhee ol lixee waardiyyoota wajjin taaʼe.

59Luboonni hangafoonnii fi yaaʼiin Yihuudootaa guutuun Yesuusin ajjeesuuf jedhanii ragaa sobaa isatti barbaadaa turan. 60Isaan garuu yoo dhuga baatonni sobaa hedduun dhiʼaatan illee homaa hin arganne.

Dhuma irratti dhuga baatonni lama dhufanii,
61“Namichi kun, ‘Ani mana qulqullummaa Waaqaa diiguu, guyyaa sadii keessatti deebisee ijaaruu nan dandaʼa’ jedheera” jedhan.

62Lubichi ol aanaanis kaʼee dhaabatee, “Ati deebii tokko illee hin kennituu? Wanni namoonni kunneen dhugaa sitti baʼan kun maali?” jedhee Yesuusin gaafate. 63Yesuus garuu inuma calʼise.

Lubichi ol aanaan, “Ani Waaqa jiraataadhaan sin kakachiisa: Ati yoo Kiristoos Ilma Waaqaa taate mee nutti himi” jedheen.

64Yesuusis deebisee, “Atuu jetteerta. Ani garuu isinitti nan hima; isin siʼachi utuu Ilmi Namaa mirga isa Humna qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa samiitiin dhufuu ni argitu” jedhe.

65Kana irratti lubichi ol aanaan uffata isaa tarsaasee akkana jedhe; “Inni Waaqa arrabseera! Kana caalaa dhuga baatota maalii nu barbaachisa? Kunoo, Waaqa arrabsuu isaa isin iyyuu amma dhageessaniirtu. 66Maal isinitti fakkaata?”

Isaanis, “Duʼatu isaaf mala” jedhanii deebisan.

67Ergasii isaan fuula isaatti tufan; abootteenis isa rukutan. Warri kaan immoo isa kabalanii, 68“Yaa Kiristoos! Eenyutu si rukute? Mee raajii nutti dubbadhu” jedhaniin.

Phexros Yesuusin Ganuu Isaa

26:69‑75 kwf – Mar 14:66‑72; Luq 22:55‑62; Yoh 18:16‑18,25‑27

69Phexrosis dallaa keessa ala taaʼaa ture; xomboreen tokko isatti dhiʼaattee, “Atis Yesuus namicha Galiilaa sana wajjin turte!” jetteen.

70Inni garuu, “Ani waan ati dubbachuutti jirtu hin beeku” jedhee hunduma isaanii duratti gane.

71Utuu inni gara karra dallaa sanaatti deemaa jiruus xomboreen biraa tokko isa argitee, “Namichi kun Yesuus nama Naazreeti wajjin ture” jettee warra achi turanitti himte.

72Innis kakatee, “Ani namicha kana hin beeku!” jedhee ammas gane.

73Yeroo xinnoo booddee warri achi dhadhaabachaa turan Phexrositti dhiʼaatanii, “Atis dhuguma iyyuu jara keessaa tokkoo dha; loqodni kee si saaxilaatii” jedhan.

74Yommus inni, “Ani namicha kana hin beeku” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe.

Yommusuma indaanqoon iyye.
75Phexrosis dubbii Yesuus, “Ati utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” jedhee ture sana yaadate. Gad baʼees hiqqifatee booʼe.
Copyright information for GazHAHl