‏ Matthew 7:1-5

Nama Kaanitti Muruu

7:3‑5 kwf – Luq 6:41,42

1 “Akka isinitti hin muramneef namoota kaanitti hin murinaa. 2Murtiidhuma isin namatti murtaniin isinitti muramaatii; safartuu ittiin safartaniinis isiniif safarama.

3 “Ati maaliif jirma ija kee keessa jiru arguu dhiiftee huuba ija obboleessa keetii keessa jiru ilaalta? 4Ati utuu jirmi ija kee keessa jiruu akkamitti obboleessa keetiin, ‘Kottu mee ani huuba ija kee keessa jiru siif nan baasa’ jechuu dandeessa? 5Fakkeessituu nana; duraan dursiitii jirma ija kee keessa jiru baafadhu; ergasiis huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasuudhaaf sirriitti argita.
Copyright information for GazHAHl