‏ Matthew 7:7-11

Kadhadhaa, Barbaadaa, Balbala Rurrukutaa

7:7‑11 kwf – Luq 11:9‑13

7 “Kadhadhaa, isiniif ni kennamaa; barbaadaa, ni argattuu; rurrukutaa, balballi isiniif ni banamaa. 8Namni kadhatu hundi ni argataatii; namni barbaadu ni argata; nama rurrukutuufis balballi ni banama.

9 “Isin keessaa namni yoo ilmi isaa buddeena isa kadhate, dhagaa kennuuf eenyu? 10Yookaan yoo inni qurxummii isa kadhate, bofa kennuuf eenyu? 11Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, abbaan keessan inni samii irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif kennaa gaarii haa kennuu ree!
Copyright information for GazHAHl