‏ Matthew 8

Namicha Lamxaaʼaa

8:2‑4 kwf – Mar 1:40‑44; Luq 5:12‑14

1Yeroo Yesuus gaara irraa buʼetti, tuuta namoota baayʼeetu isa duukaa buʼe. 2Kunoo namichi lamxaaʼaan tokkos dhufee, fuula isaa duratti jilbeenfatee, “Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa” jedheen.

3Yesuusis harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, “Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!” jedheen. Lamxiin isaas yeruma sana qulqullaaʼe. 4Ergasiis Yesuus, “Nama tokkotti illee akka hin himne beekkadhu. Garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; kennaa Museen ajaje sana illee dhiʼeessi” jedheen.

Amantii Ajajaa Dhibbaa

8:5‑13 kwf – Luq 7:1‑10

5Yeroo Yesuus Qifirnaahom seenetti, ajajaan dhibbaa tokko gara isaa dhufee akkana jedhee isa kadhate; 6“Yaa Gooftaa, tajaajilaan koo dhagni irratti duʼee mana ciisa; akka malees dhiphachaa jira.”

7Yesuusis, “Ani dhufeen isa fayyisa” jedheen.

8Ajajaan dhibbaa sun immoo akkana jedhee deebiseef; “Yaa Gooftaa, ati bantii mana kootii jala seenuun naaf hin malu. Garuu dubbicha qofa dubbadhu; tajaajilaan koo ni fayyaatii. 9Ani mataan koo iyyuu nama taayitaa jala jiruu dha; loltootas of jalaa qaba. Isa tokkoon, ‘Deemi’ nan jedha; innis ni deema; isa kaaniin immoo, ‘Kottu’ nan jedha; innis ni dhufa. Tajaajilaa kootiinis, ‘Waan kana hojjedhu’ nan jedha; innis ni hojjeta.”

10Yesuus yommuu waan kana dhagaʼetti dinqifatee warra isa duukaa buʼaa turaniin akkana jedhe; “Ani dhuguma isinittin hima; ani Israaʼel keessatti nama amantii guddaa akkanaa qabu tokko illee hin arganne. 11Ani isinittin hima; namoonni hedduun baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutii ni dhufu; isaanis Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob wajjin mootummaa samii keessatti maaddiitti ni dhiʼaatu. 12Ijoolleen mootummaa garuu dukkana alaatti gad darbatamu; achitti booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa.”

13Yesuusis deebisee ajajaa dhibbaa sanaan, “Akkuma amantii keetii siif haa taʼu; deemi!” jedhe. Tajaajilaan isaas yeruma sana fayye.

Yesuus Nama Hedduu Fayyisuu Isaa

8:14‑16 kwf – Mar 1:29‑34; Luq 4:38‑41

14Yesuus yommuu mana Phexros seenetti, haati niitii Phexros dhukkuba dhagna gubaadhaan qabamtee ciiftee arge. 15Innis harka ishee tuqe; dhagna gubaan sunis ishee dhiise; isheenis kaatee isa tajaajiluu jalqabde.

16Galgala sanas namoota hafuurota hamoon qabaman hedduu gara isaa fidan; innis jecha tokkoon hafuurota sana baase; dhukkubsattoota hundumaa ni fayyise. 17Kunis akka dubbiin karaa Isaayyaas raajichaatiin, “Inni dhibee keenya nurraa fuudhe;
dhukkuba keenyas ni baate”

jedhame sun raawwatamuuf taʼe.

Gatii Yesuus Duukaa Buʼuun Nama Baasisu

8:19‑22 kwf – Luq 9:57‑60

18Yesuus yommuu tuuta namoota baayʼee naannoo isaatti argetti akka gama ceʼaniif ajaje. 19Barsiisaan seeraa tokkos gara isaa dhufee, “Yaa barsiisaa, ani iddoo ati dhaqxu hundatti si duukaa nan buʼa” jedhe.

20Yesuusis deebisee, “Waangoonni boolla qabu; simbirroonnis manʼee qabu; Ilmi Namaa garuu iddoo itti mataa isaa irkifatu illee hin qabu” jedhe.

21Barattoota isaa keessaas inni tokko, “Yaa Gooftaa, dura akka ani dhaqee abbaa koo awwaalladhu naa eeyyami!” jedheen.

22Yesuus garuu, “Warri duʼan duʼaa isaanii haa awwaallatan; ati immoo na duukaa buʼi” jedheen.

Yesuus Bubbee Jabaa Gab gochuu Isaa

8:23‑27 kwf – Mar 4:36‑41; Luq 8:22‑25

8:23‑27 kwi – Mat 14:22‑33

23Yommuu inni bidiruu yaabbatettis, barattoonni isaa isa duukaa buʼan. 24Akkuma tasaa bubbeen hamaan tokko galaana irratti kaʼe; dambaliinis bidiruu sana irra gara gale. Yesuus garuu rafaa ture. 25Barattoonni isaa gara isaa dhufanii, “Yaa Gooftaa, nu oolchi! Nu dhumuufii!” jedhanii isa dammaqsan.

26Innis deebisee, “Isin warra amantii xinnoo nana; maaliif akkana sodaattu?” jedheen. Kaʼees bubbee sanaa fi galaana sana ifate; tasgabbiin guddaanis ni taʼe.

27Namoonnis dinqifatanii, “Namni bubbee fi galaanni ajajamaniif kun nama akkamii ti?” jedhan.

Yesuus Namoota Hafuura Hamaan Qabaman Fayyisuu Isaa

8:28‑34 kwf – Mar 5:1‑17; Luq 8:26‑37

28Yommuu Yesuus gama ceʼee biyya Gadareen gaʼetti, namoonni hafuura hamaan qabaman lama iddoo awwaalaatii baʼanii itti dhufan. Isaanis waan akka malee hamoo turaniif namni tokko iyyuu karaa sana irra darbuu hin dandaʼu ture. 29Isaanis, “Yaa Ilma Waaqaa, ati maal nurraa barbaadda? Utuu yeroon sun hin gaʼin nu dhiphisuu dhufte moo?” jedhanii iyyan.

30Hoomaan booyyee guddaan isaas xinnoo isaan irraa fagaatee dheedaa ture. 31Hafuuronni hamoon sunis, “Yoo nu baafte, gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi” jedhanii Yesuusin kadhatan.

32Innis, “Dhaqaa!” jedheen. Isaanis namicha keessaa baʼanii hoomaa booyyee sanatti galan; hoomaan sun guutuunis ededa hallayyaa irraa gad gugatee galaanatti namʼee bishaan keessatti dhume. 33Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa seenan; isaanis waan hunda, waan namoota hafuurota hamoon qabamanii turan irra gaʼes ni odeessan. 34Magaalaan sun guutuunis Yesuusin arguuf baʼe. Yommuu isa argettis akka inni biyya isaanii keessaa baʼuuf isa kadhate.
Copyright information for GazHAHl