Micah 1
1Bara Yootaam, Aahaazii fi Hisqiyaas mootota Yihuudaa turan keessa dubbiin Waaqayyoo gara Miikiyaas namicha Mooresheet dhufe; kunis mulʼata inni waaʼee Samaariyaatii fi waaʼee Yerusaalem argee dha. 2Yaa namoota, isin hundinuu dhagaʼaa;lafaa fi wantoonni ishee irra jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa;
Waaqayyo Gooftichi,
Gooftaan mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessaa dhugaa isinitti baʼa.
Murtii Samaariyaa fi Yerusaalemin Eeggatu
3Kunoo! Waaqayyo iddoo jireenya isaatii dhufaa jira;inni gad dhufee iddoo ol kaʼaa lafaa irra ni ejjeta.
4Akkuma gagaa fuula ibiddaa dura jiruu,
akkuma bishaan tabba irraa gad yaaʼuu
tulluuwwan isa jalatti ni baqu;
sululawwanis gargar baqaqu.
5Wanni kun hundi sababii dogoggora Yaaqoobiif,
sababii cubbuu mana Israaʼeliif taʼe.
Dogoggorri Yaaqoob maali?
Samaariyaa mitii?
Iddoon sagadaa Yihuudaa maali?
Yerusaalem mitii?
6“Kanaafuu ani Samaariyaa tuullaa diigamaa,
lafa wayinii itti dhaabbatan nan godha.
Ani dhagaawwan ishee sululatti naqee,
hundee ishee qullaa nan hambisa.
7Waaqonni ishee tolfamoon hundinuu ni hurreeffamu;
kennaawwan mana qulqullummaa ishee hundinuu ibiddaan gubamu;
ani fakkii ishee hunda nan barbadeessa.
Isheen gatii sagaagaltootaa irraa kennaa ishee walitti waan qabatteef,
kennaan sun ammas gatii sagaagaltootaa taʼee ni deebiʼa.”
Booʼuu fi Gadduu
8Sababii waan kanaatiif ani booʼee nan wawwaadha;ani miilla duwwaa fi qullaa nan deema.
Ani akkuma waangoo iyyee,
akkuma urunguu nan aada.
9Madaan ishee waan hin fayyineef,
Yihuudaattis darbeera.
Karra saba koo dura gaʼeera;
Yerusaalemittis dhufeera.
10Isin waan kana Gaati keessatti hin dubbatinaa;
gonkumaa hin booʼinaa.
Beet Leʼafraatti,
awwaara keessa gangaladhaa.
11Isin warri Shaafiir keessa jiraattan,
qullaa fi qaaniidhaan darbaa.
Warri Zanaan keessa jiraatan,
gad hin baʼan.
Beet Eezel booʼicha irra jirti;
eegumsi ishee isin irraa fuudhameera.
12Sababii balaan Waaqayyo biraa dhufee
karra Yerusaalem iyyuu gaʼeef,
warri Maaroot keessa jiraatan
gargaarsa argachuuf wixxirfatu.
13Ati Laakkiish keessa kan jiraattu,
fardeen gaariitti hidhadhu.
Ati Intala Xiyooniif
jalqaba cubbuu ti;
dogoggorri Israaʼel
siʼi keessatti argamaatii.
14Kanaafuu ati Mooresheet Gaatiif
kennaa kennita.
Manneen Akziib mootota Israaʼeliif
gowwoomsitoota taʼu.
15Ani warra Maareeshaa keessa jiraattanitti
moʼataa tokko nan fida.
Inni ulfina Israaʼel taʼe
gara Adulaam ni dhufa.
16Sababii gadda ijoollee itti gammadduutiif jedhii
mataa kee haaddadhu;
akkuma goggocoroo mataa kee moleeffadhu;
isaan boojuudhaan sirraa fudhatamuutii.
Copyright information for
GazHAHl