‏ Micah 2

Karoora Namaatii fi Karoora Waaqaa

1Warra daba karoorfatan
kanneen siree isaanii irra

ciisanii hammina yaadaniif wayyoo!
Sababii waan kana hojjechuun humna isaanii jala jiruuf
isaan ifa bariitiin kaʼanii waan sana hojjetu.
2Isaan lafa qotiisaa kajeelanii qabatu;
manneenis akkasuma kajeelanii fudhatu.
Isaan gowwoomsaadhaan mana namaa,
dhaala isaas ni fudhatu.

3Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha; “Kunoo ani balaa isin jalaa baʼuu hin dandeenye tokko
saba kanatti fiduuf karoorfadheen jira.
Isin siʼachi of tuulummaadhaan jiraachuu hin dandeessan;
yeroon kun yeroo rakkinaa taʼaatii.
4Bara sana keessa namoonni isinitti gaʼisu;
akkana jedhaniis faaruu booʼichaa kanaan isinitti qoosu;
‘Nu guutumaan guutuutti barbadoofneerra;
qabeenyi saba kootiis gargar qooddatameera.
Inni narraa fudhata!
Lafa qotiisaa keenya warra nu moʼataniif kenna.’ ”

5Kanaafuu ati nama ixaadhaan lafa qoodu tokko illee
waldaa Waaqayyoo keessaa hin qabaattu.

Raajota Sobaa

6Raajonni isaanii, “Isin raajii hin dubbatinaa;
waaʼee waan kanaa raajii hin dubbatinaa;
salphinni nutti hin dhufu” jedhu.
7Yaa mana Yaaqoob, “Wanni kun akkana jedhamuu qabaa?
Hafuurri Waaqayyoo obsa hin qabuu?
Inni waan akkasii ni hojjetaa?”

“Nama karaan isaa qajeelaa taʼeef
dubbiin koo waan gaarii hin hojjetuu?
8Sabni koo akka diinaatti kaʼeera.
Isin namoota yaaddoo malee achiin darban
kanneen duulaa galaa jiran irraa uffata baafattu.
9Isin dubartoota saba kootii
manneen isaanii babbareedoo keessaa ariitu.
Eebba koos bara baraan
ijoollee isaanii irraa fudhattu.
10Kaʼaatii asii deemaa!
Iddoon kun lafa boqonnaa keessanii miti;
isheen xurooftee diigamtee baddeerti.
11Namni sobaa fi gowwoomsaan tokko yoo dhufee,
‘Ani waaʼee daadhii wayiniitii fi
dhugaatii cimaa raajii siif nan dubbadha’ jedhe;
inni raajii saba kanaa taʼa!

Furamni Waadaa Galame

12“Yaa Yaaqoob, ani dhugumaan
isin hunda walitti nan qaba;
ani hambaa Israaʼel walitti nan fida.
Ani akkuma hoolota gola keessaatti,
akkuma bushaayee lafa dheedaa jiraniitti walitti isaan nan fida;
lafti sunis tuuta namaatiin guutamti.
13Inni cabsee karaa baasu fuula isaanii dura deema;
isaan cabsanii karraan baʼu.
Mootiin isaanii isaan dura baʼa;
Waaqayyo fuula isaanii dura deema.”
Copyright information for GazHAHl