Micah 3
Hooggantoonnii fi Raajonni Balaaleffataman
1Ergasii ani akkanan jedhe; “Isin hooggantoonni Yaaqoob,bulchitoonni mana Israaʼel mee dhaggeeffadhaa.
Isin murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii?
2Isin warri waan gaarii jibbitanii waan hamaa jaallattan,
warri saba koo irraa gogaa,
lafee isaanii irraa immoo foon baaftan,
3warri foon saba koo nyaattan,
kanneen gogaa isaanii irraa qunciftanii lafee isaanii caccabsitan,
isin warri akka foon eeleetti waadamuutii fi
okkoteetti affeelamuu isaan ciccirtan
murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii?”
4Ergasii isaan Waaqayyotti iyyatu;
inni garuu deebii hin kennuuf.
Yeroo sanatti inni sababii cubbuu
isaan hojjetaniitiif fuula isaa isaan duraa ni dhokfata.
5 Waaqayyo akkana jedha: “Waaʼee raajota
saba koo karaa irraa jalʼisanii,
yoo namni tokko nyaata kenneef
isaan ‘Nagaa’ labsu;
yoo inni akkas gochuu baate immoo
lola isatti kaasuuf qophaaʼu.
6Kanaafuu utuu isin mulʼata hin argin halkan,
utuu isin hooda hin dubbatin immoo dukkanni isinitti dhufa.
Aduun raajotatti dhiiti;
guyyaanis isaanitti dukkanaaʼa.
7Ilaaltonni ni qaanaʼu;
warri hooda dubbatanis ni salphifamu.
Sababii deebiin tokko iyyuu Waaqa biraa hin dhufneef
isaan hundi fuula haguuggatu.”
8Ani garuu Yaaqoobitti balleessaa isaa,
Israaʼelittis cubbuu isaa himuuf
humnaan guutameera;
Hafuura Waaqayyootiin
murtii qajeelaa fi jabinaan guutameera.
9Isin hooggantoonni mana Yaaqoob
bulchitoonni mana Israaʼel
warri murtii qajeelaa tuffattanii
waan sirrii taʼe hunda jalʼiftan waan kana dhagaʼaa;
10warri dhiiga dhangalaasuudhaan Xiyoonin,
hamminaan immoo Yerusaalemin ijaartan waan kana dhagaʼaa.
11Hooggantoonni ishee mattaʼaa fudhatanii murtii kennu;
luboonni ishee gatiidhaan barsiisu;
raajonni ishees maallaqa fudhatanii hooda dubbatu.
Taʼus isaan Waaqayyotti irkatanii,
“Waaqayyo gidduu keenya jira mitii?
Balaan tokko iyyuu nutti hin dhufu” jedhu.
12Kanaafuu sababii keessaniif,
Xiyoon akkuma lafa qotiisaatti qotamti;
Yerusaalemis tuullaa waan diigamee taati;
gaarri mana qulqullummaas tabba daggalaan liqimfame taʼa.
Copyright information for
GazHAHl