‏ Micah 4:1-3

Tulluu Waaqayyoo

4:1‑3 kwf – Isa 2:1‑4

1Bara dhumaa keessa tulluun mana qulqullummaa Waaqayyoo
tulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata;
inni gaarran caalaa ol ol jedha;
namoonnis itti yaaʼu.

2Saboonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu; “Kottaa gara tulluu Waaqayyoo,
gara mana Waaqa Yaaqoob ol baanaa.
Inni akka nu daandii isaa irra deemnuuf
karaa isaa nu barsiisa.”
Seerri Xiyoon keessaa,
dubbiin Waaqayyoo immoo Yerusaalem keessaa dhufa.
3Inni namoota hedduu gidduutti murtii kennee
saboota jajjaboo gargar fagoo jiranis walitti araarsa.
Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa,
eeboo isaanii illee haamtuu tolfatu.
Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu
yookaan waraanaaf jedhanii siʼachi nama hin leenjisan.
Copyright information for GazHAHl