‏ Micah 5

Bulchaa Beetlihemii Dhufu

1Yaa magaalaa raayyaa waraanaa, raayyaa kee hiriirsi;
nu marfamneerraatii.
Isaan uleedhaan
maddii bulchaa Israaʼel dhaʼu.
2“Garuu yaa Beetlihem Efraataa,
ati yoo balbala Yihuudaa keessaa xinnoo taate iyyuu,
kan bulchaa Israaʼel taʼu,
kan jiraachuun isaa durumaa,
kan bara duriitii jalqabee ture tokko
si keessaa baʼee naaf dhufa.”

3Kanaafuu Israaʼel
hamma isheen ciniinsifachaa jirtu deessee
obboloonni isaa warri hafan
Israaʼelootatti makamuuf deebiʼanitti kophaa hafti.

4Inni jabina Waaqayyootiin
surraa maqaa Waaqayyo, Waaqa isaatiin
dhaabatee bushaayee isaa tikfata.
Yeroo sanatti surraan isaa
waan daarii lafaa gaʼuuf isaan nagaadhaan jiraatu.

5Inni nagaa keenya taʼa;
yeroo warri Asoor biyya keenya weeraranii
daʼannoo keenya keessa baʼanitti
nu tiksoota torbaa fi
ajajjuuwwan saddeet itti kakaasna.
6Isaan biyya Asoor goraadeedhaan
biyya Naamruudis goraadee luqqifameen bulchu.
Yeroo warri Asoor biyya keenya weeraranii
daarii keenya keessa baʼanitti,
inni warra Asoor sana jalaa nu baasa.

7Hambaan Yaaqoob
namoota hedduu gidduutti
akkuma fixeensa Waaqayyo biraa dhufuu,
akkuma tiifuu marga irraa
kan nama hin eegnee
yookaan ilmaan namaa hin eeggannee taʼa.
8Hambaan Yaaqoob saboota gidduutti,
uummata hedduu gidduuttis,
akkuma leenca bineensota bosonaa gidduu jiruu,
akkuma leenca saafela bushaayee gidduu jiru
kan irra ejjetee isaan cicciruutii fi
kan namni tokko iyyuu harkaa buusuu hin dandeenyee taʼa.
9Harki kee moʼannaadhaan diinota keetti kaʼa;
amajaajonni kee hundinuu ni barbadeeffamu.

10 Waaqayyo akkana jedha; “Gaafas ani fardeen keessan gidduu keessanii nan balleessa;
gaariiwwan keessan kan waraanaas nan barbadeessa.
11Ani magaalaawwan biyya keessanii nan barbadeessa;
daʼannoowwan keessan hundas nan diiga.
12Ani falfaltoota keessan nan balleessa;
isinis deebitanii hin mortan.
13Ani fakkiiwwan kee soofamoo fi utubaawwan waaqeffannaa keetii
gidduu keetii nan balleessa;
ati siʼachi gad jettee
hojii harka keetiitiif hin sagaddu.
14Ani siidaa Aasheeraa gidduu keetii buqqisee
magaalaawwan kees nan barbadeessa.
15Ani saboota naaf hin ajajamin irratti
aarii fi dheekkamsaan haaloo nan baʼa.”
Copyright information for GazHAHl