Micah 7
Dhiphachuu Israaʼel
1Anaaf wayyoo!Ani akkuma nama yeroo qarmii bonaa funaananitti
wayinii walitti qabu tokkoo taʼeera;
hurbuun wayinii kan nyaatamu tokko iyyuu hin jiru;
iji harbuu jalqabaa kan ani dharraʼu tokko iyyuu hin jiru.
2Namni gaariin lafa irraa badeera;
namni qajeelaan tokko iyyuu hin hafne.
Namoonni hundinuu dhiiga dhangalaasuuf riphanii eeggatu;
tokkoon tokkoon namaa kiyyoodhaan obboleessa isaa eeggata.
3Harki lachuu waan hamaa hojjechuu barateera;
bulchaan kennaa barbaada;
abbaan murtiis mattaʼaa fudhata;
namni humna qabu waanuma fedhe dubbata;
hundi isaanii walii wajjin malatu.
4Kan isaan hunda caalaa gaarii taʼe akka sokorruu ti;
inni akka malee qajeelaan immoo dallaa qoraattii caala.
Guyyaan eegdota keetii,
guyyaan itti Waaqni si ilaalu dhufeera.
Amma yeroo itti isaan joonjaʼanii dha.
5Ollaa hin amanatin;
michuus hin abdatin.
Ishee hammattee ciiftu biratti iyyuu
arraba kee eeggadhu.
6Ilmi abbaa isaa tuffata;
intalli haadha isheetti,
niitiin ilmaas amaatii isheetti kaati;
diinonni namaa miseensotuma mana isaa taʼuutii.
7Ani garuu abdiidhaan Waaqayyoon nan eeggadha;
fayyisaa koo Waaqa nan eeggadha;
Waaqni koo na dhagaʼa.
Israaʼel ni Kaati
8Yaa diina koo natti hin gammadin!Ani yoon kufe iyyuu nan kaʼa.
Ani dukkana keessa taaʼu iyyuu
Waaqayyo ifa naaf taʼa.
9Ani sababiin cubbuu isatti hojjedheef,
hamma inni dubbii koo ilaalee naaf murteessutti
dheekkamsa Waaqayyoo nan baadha.
Inni ifatti na baasa;
anis qajeelummaa isaa nan arga.
10Ergasii diinni koo isheen,
“Waaqayyo Waaqni kee eessa jira?” naan jette sun
waan kana argitee qaaniin haguugamti.
Iji koo kufaatii ishee ni arga;
Isheen amma iyyuu miilla jalatti
akkuma dhoqqee daandii irraatti dhidhiitamti.
11Guyyaan itti dallaan kee ijaaramu,
guyyaan itti daangaan kee balʼifamu tokko ni dhufa.
12Gaafas namoonni
Asoorii fi magaalaawwan Gibxi,
Gibxii hamma Efraaxiisitti iyyuu,
galaanaa hamma galaanaatti,
tulluudhaa hamma tulluutti jiraatan gara kee ni dhufu.
13Sababii jiraattota isheetii fi
sababii waan isaan hojjetaniitiif lafti ni onti.
Kadhannaa fi Galata
14Uummata kee, bushaayee dhaala keetiikanneen ofumaan bosona keessa,
lafa dheedaa gabbataa irra jiraatan
ulee keetiin tikfadhu.
Isaan akkuma bara duriitti
Baashaanii fi Giliʼaad keessa haa bobbaʼan.
15“Ani akkuma yeroo ati Gibxii baatee dhufte sanaa
dinqii koo isaan nan argisiisa.”
16Saboonni arganii ni qaanaʼu;
humna ofii hunda iyyuu ni dhabu.
Isaan afaan isaanii qabatu;
gurri isaaniis ni duuda.
17Isaan akkuma bofaa,
akkuma uumamawwan lafa irra looʼanii biyyoo arraabu.
Isaan hollachaa holqa keessaa baʼanii dhufu;
Isaan Waaqayyo Waaqa keenya sodaachuudhaan
deebiʼanii fuula kee dura sodaadhaan dhaabatu.
18Waaqni akka keetii kan cubbuu namaa bira darbee
balleessaa hambaa dhaala isaa dhiisuuf eenyu?
Ati araara gochuutti gammadda malee
bara baraan hin dheekkamtu.
19Ati deebitee garaa nuu laafta;
cubbuu keenya miilla kee jalatti dhidhiittee
balleessaa keenya hundas tuujuba galaanaatti gad darbatta.
20Ati akkuma bara durii
abbootii keenyaaf kakatte sana
Yaaqoobiif amanamaa taata;
Abrahaamittis jaalala ni argisiifta.
Copyright information for
GazHAHl