‏ Nahum 3

Nanawweef Wayyoo

1Magaalattii dhiigaatiif,
kan sobaan guutamteef,
kan saamichaan guutamteef,
kan warri hammina hojjetan keessaa

hin dhabamne sanaaf wayyoo!
2Iyyi qaccee,
kakaksuun gommaa,
gulufuun fardaa,
didichuun gaarii lolaa ni dhagaʼama!
3Abbaan fardaa ni gulufa;
goraadeen ni balaqqisa;
eeboon ni calaqqisa!
Balaan hedduun nama irra gaʼeera;
namni baayʼeen duʼeera;
reeffi lakkoobsa hin qabu;
namoonnis reeffa isaaniitti gufatu;
4kun hundi sababii baayʼina sagaagalummaa sagaagaltuu,
giiftii falfaltootaa,
kan sagaagaltummaa isheetiin saboota,
tolcha isheetiin immoo uummata garboomsite sanaatiin taʼe.

5 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:
“Ani sitti kaʼeen jira.
Ani uffata kee fuula keetti ol soqola.
Ani sabootatti qullaa kee,
mootummootatti immoo qaanii kee nan mulʼisa.
6Ani xuriidhaan sin faala;
akka malee sin tuffadha;
waan kolfaa illee sin godha.
7Namni si argu hundi sirraa baqatee,
‘Nanawween baduutti jirti; eenyutu booʼaaf?’ siin jedha.
Ani nama si jajjabeessu tokko illee eessaa argadha?”

8Ati, Nooʼi Amoon
biyya laga Abbayyaa irraa
kan bishaaniin marfamte sana caaltaa?
Lagni daʼoo ishee ti;
bishaanis dallaa ishee ti.
9Itoophiyaa fi Gibxi jabina ishee kan dhuma hin qabnee dha;
Fuuxii fi Liibiyaan tumsitoota ishee ti.
10Taʼus isheen boojiʼamtee
biyya ormaatti geeffamte.
Daaʼimman ishee mataa daandii hundaa irratti
miciriqfamanii dhuman.
Namoota ishee ulfaatootti ixaa buufatanii
namoonni ishee gurguddoonni hundinuu

foncaadhaan hidhaman.
11Atis ni machoofta; ni dhokattas;
diina jalaa baʼuufis daʼoo barbaaddatta.

12Daʼoon kee hundi mukkeen harbuu
kanneen ija jalqabatti bilchaate qaban fakkaata;
yeroo mukkeen sun hurgufamanitti
iji isaanii afaan nama waa nyaatuu keessa buʼa.
13Mee raayyaawwan kee ilaali;
isaan hundinuu dubartoota!
Karrawwan biyya keetii diinota keetiif
balʼatanii banamanii jiru;
ibiddis danqaraa isaanii gubee fixeera.

14Utuu hin marfamin bishaan waraabbadhu;
humna hittisaa kee jajjabeeffadhu!
Suphee tolfadhu;
dhoqqee suphee dhiittadhu;
xuubii tolfadhu.
15Achitti ibiddi si fixa;
goraadeenis si cicciree
akkuma korophisaas si barbadeessa.
Akka korophisaa hori;
akkuma hawwaannisaa baayʼadhu.
16Ati hamma isaan urjii samii caalaa
baayʼatanitti daldaltoota kee baayʼifatteerta;
isaan garuu akkuma hawwaannisaa biyyatii qullaa hambisanii
ergasii barrisanii deemu.
17Eegdonni kee akkuma hawwaannisaa ti;
qondaaltonni kees akkuma tuuta hawwaannisaa
kan guyyaa qabbanaa dallaa irra qubatuu ti;
yeroo aduun baatu garuu barrisanii badu;
namni tokko iyyuu gara isaan dhaqan hin beeku.

18Yaa mootii Asoor tiksoonni kee ni mugu;
namoonni kee ulfaatoon boqochuuf gad ciciisaniiru.
Namoonni kee nama walitti isaan qabu dhabanii
tulluuwwan irratti bibittinnaaʼaniiru.
19Wanni tokko iyyuu madaa kee fayyisuu hin dandaʼu;
miidhamni kees kan duʼaan si gaʼuu dha.
Namni oduu waaʼee keetii dhagaʼu hundinuu
kufaatii keetti harka walitti rurrukuta;
gara jabina kee kan dhuma hin qabne sanaan
eenyutu hin miidhamin?
Copyright information for GazHAHl