‏ Obadiah 1-4

1Mulʼata Obaadiyaa.

1‑4 kwf – Erm 49:14‑16

5‑6 kwf – Erm 49:9‑10

Waaqayyo Gooftaan waaʼee Edoom akkana jedha.

Nu ergaa tokko Waaqayyo irraa dhageenyeerra:
Ergamaan tokko, “Kaʼaa dhaqnee ishee lollaa;
waraanaafis baʼaa” jechuuf gara sabootaatti ergame.

2“Kunoo, ani saboota gidduutti sin xinneessa;
atis akka malee tuffatamta.
3Ati kan baqaqaa kattaa keessa jiraattee
mana kee lafa ol kaʼaa irratti ijaarrattu,
kan, ‘Eenyutu lafatti gad na buusa?’ ofiin jettu,
of tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera.
4Yoo ati akkuma risaa ol fagaattee
urjiiwwan gidduutti manʼee kee ijaarratte iyyuu,
ani achii gad sin buusa”
jedha Waaqayyo.
Copyright information for GazHAHl