‏ Philippians 1

Nagaa Gaafachuu

1Phaawulosii fi Xiimotewos tajaajiltoota Kiristoos Yesuus irraa,

Gara warra karaa Kiristoos Yesuusiin qulqulloota taʼan kanneen Phaaphaasotaa fi daaqonoota wajjin Fiiliphisiyuus keessa jiraatan hundaatti:

2Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa biraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.

Galataa Fi Kadhannaa

3Ani yeroo isin yaadadhu hunda Waaqa koo nan galateeffadha. 4Ani kadhannaa hunda keessaniif kadhadhu keessatti yeroo hunda gammachuun nan kadhadha; 5isin guyyaa jalqabaatii hamma ammaatti wangeela lallabuu keessatti hirmaattaniirtuutii; 6inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Kiristoos Yesuusitti akka raawwatu nan amana.

7Waan isin garaa koo keessa jirtaniif ani waaʼee hunda keessanii akkanatti yaaduun koo anaaf sirrii dha; hidhamuu koo keessattis taʼu yookaan wangeelaaf falmuu kootii fi akka wangeelli cimee dhaabatu gochuu koo keessatti hundi keessan na wajjin ayyaana Waaqaa keessatti hirmaatuutii. 8Akka ani jaalala Kiristoos Yesuusiin hammam hunda keessan yaadu Waaqayyo dhuga baatu koo ti.

9Kadhannaan koo kanaa dha: kunis akka jaalalli keessan beekumsaa fi hubannaa hundaan ittuma fufee baayʼatu, 10akka isin isa waan hundumaa caalu addaan baaftanii beekuu dandeessanii fi akka isin hamma guyyaa Kiristoosittis qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne taataniif, 11akka ulfinaa fi galata Waaqaatiifis iji qajeelinaa kan karaa Yesuus Kiristoosiin argamuun guutamtaniif.

Hidhamuun Phaawulos Wangeela Babalʼise

12Yaa obboloota, wanti narra gaʼe kun dhugumaan wangeela babalʼisuuf gargaaruu isaa akka beektan nan barbaada. 13Kanaanis Kiristoosiif jedhee hidhamuun koo guutummaa masaraatii fi namoota kaan hunda biratti beekameera. 14Sababii ani hidhameefis obboloota keessaa garri caalaan Gooftaa amanatanii, dubbii Waaqaa sodaa malee dubbachuuf ija jabina guddaa argataniiru.

15Namoonni tokko tokko dhugumaan weennoo fi morkiidhaan Kiristoosin lallabu; warri kaan garuu yaada gaariidhaan lallabu. 16
1:17 in most Bibles.
Warri yaada gaariidhaan lallaban kunneen, akka ani wangeelaaf falmuuf jedhee as kaaʼame beekanii jaalalaan lallabu.
17
1:16 in most Bibles.
Warri weennoo fi morkiidhaan lallaban immoo utuu garaa qulqulluun hin taʼin, mana hidhaa keessatti rakkina natti cimsuuf jedhanii fedhii ofittummaatiin Kiristoosin lallabu.
18Yoos wanni kun maal qaba ree? Wanni barbaachisaan fakkeessuunis taʼu yookaan dhugaan karaa kam iyyuu Kiristoos lallabamuu isaa ti. Sababii kanaaf ani akka malee nan gammada.

Eeyyee ani ittuma fufee nan gammada;
19akka wanni narra gaʼe kun karaa kadhannaa keessaniitii fi karaa gargaarsa Hafuura Yesuus Kiristoosiin gara furamaatti naa geeddaramu nan beekaatii. 20Ani akkuma yeroo kaanii ammas jireenyaanis taʼu yookaan duʼaan ija jabinaan dubbachuun koo akka Kiristoos dhagna koo keessatti ulfina argatuuf malee karaa kamiin iyyuu akka hin qaanofneef baayʼisee nan hawwa; nan abdadhas. 21Anaaf jiraachuun Kiristoos; duʼuunis buʼaa dha. 22Ani yoo fooniin jiraadhe kun anaaf hojii buʼa qabeessa; garuu maalan filadha? Ani hin beeku! 23Ani yaada kana lamaan gidduutti rarraʼeera; ani deemee Kiristoos wajjin jiraachuu nan hawwa; kun waan hunda caalaatii; 24isiniif garuu fooniin turuun koo caalaa barbaachisaa dha. 25Anis kana amanadhee akka isin amantiin guddattanii fi akka isin gammaddaniif hunda keessan bira akka turu, isin wajjinis akka jiraadhun beeka. 26Kunis ani ammas isin biratti argamuu kootiin of jajuun isin Kiristoos Yesuusitti qabdan sababii kootiin akka baayʼatuuf.

Jireenya Wangeelaaf Malu Jiraachuu

27Waan fedhe iyyuu taʼu akka wangeela Kiristoosiif malutti jiraadhaa. Yoos ani dhufee isin arguunis taʼu yookaan fagoo taaʼee waaʼee keessan dhagaʼuu qofaan, akka isin amantii wangeelaatiif jettanii akkuma nama tokkootti tattaaffachuun hafuura tokkoon jabaattanii dhaabattan nan beeka. 28Isin waanuma tokkoon illee mormitoota keessaniin hin raafaminaa. Kun isaaniif mallattoo badiisaa ti; isiniif immoo mallattoo fayyinaa ti; kunis hojii Waaqaa ti. 29Isin akka Kiristoositti amantan qofa utuu hin taʼin akka isaaf jettanii dhiphattaniifis kun isaaf jechaa isinii kennameeraatii; 30kunis walʼaansoo ani keessa ture isa argitan sanaa fi isa ani amma iyyuu keessa jiru kan dhageessan kana keessa darbuutti waan jirtaniifii dha.
Copyright information for GazHAHl