‏ Philippians 4

Jabaatanii Jiraachuu fi Tokkummaa

1Kanaafuu yaa obboloota ko, isin warri ani jaalladhuu fi warri ani yaadu, warri gammachuu kootii fi gonfoo koos taatan, yaa michoota ko, akkanatti Gooftaatti jabaadhaa dhaabadhaa!

Gorsa

2Ani akka isaan Gooftaadhaan yaada tokko qabaataniif Ewoodiyaanin nan kadhadha; Sinxiikeenis nan kadhadha. 3Yaa hidhata dhugaa, dubartoonni kunneen Qaleeminxoosii fi warra na wajjin hojjetan kanneen maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffame kaan wajjin waan hojii wangeelaa keessatti na wajjin dadhabaniif akka ati isaan gargaartuuf sin kadhadha.

4Isin yeroo hunda Gooftaatti gammadaa. Ammas ani irra deebiʼee nan jedha, gammadaa! 5Garraamummaan keessan nama hundumaa biratti haa beekamu. Gooftaan dhiʼoo jira. 6Waan hundumaa keessatti Waaqa kadhachuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Waaqatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa. 7Nagaan Waaqaa kan hubannaa hundaa ol taʼe sun karaa Kiristoos Yesuusiin qalbii fi yaada keessan ni eega.

8Dhuma irrattis yaa obboloota, wanni dhugaa taʼe kam iyyuu, wanni ulfina qabeessa taʼe kam iyyuu, wanni qajeelaa taʼe kam iyyuu, wanni qulqulluu taʼe kam iyyuu, wanni jaallatamaa taʼe kam iyyuu, wanni gurra namaatti tolu kam iyyuu, wanni gaarii taʼe yookaan galateeffamaa taʼe kam iyyuu yoo jiraate isin waan akkanaa yaadaa. 9Isin waan narraa barattan yookaan narraa argattan yookaan narraa dhageessan yookaan narratti argitan hunda isinis akkasuma godhaa. Waaqni nagaa isin wajjin ni taʼa.

Kennaa Isaaniitiif Galateeffachuu Isaa

10Sababii isin dhuma irratti deebitanii naa yaaduu jalqabdaniif ani Gooftaatti baayʼee nan gammada. Dhugumaanuu carraa ittiin argisiiftan dhabdaniiti malee isin durumaanuu naa yaadaa turtan. 11Ani waan waa dhabeef akkana jechaa hin jiru; haala kam iyyuu keessatti na gaʼa jechuu baradheeraatii. 12Ani dhabuun maal akka taʼe beeka; baayʼee qabaachuunis maal akka taʼe nan beeka. Haala kam iyyuu keessatti, waan hunda keessattis icciitii quufuutii fi beelaʼuu, baayʼee qabaachuutii fi dhabuu baradheera. 13Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.

14Haa taʼuu malee rakkina koo keessatti hirmaachuun keessan waan gaarii gochuu keessan ture. 15Kana malees isin warri Fiiliphisiyuus akkuma beektan, jalqabatti yeroo ani wangeela isinitti lallabetti, yeroo ani Maqedooniyaadhaa kaʼetti isin qofa malee waldaan kiristaanaa tokko iyyuu waaʼee kennuu fi fudhachuu keessatti na wajjin hin hirmaanne. 16Yeroo ani Tasaloniiqee turetti illee yommuu ani rakkadhetti isin yeroo tokkoo ol gargaarsa naaf ergitaniituutii. 17Kunis akka buʼaan isiniif baayʼatu barbaadeen malee ani kennaa keessan barbaadee miti. 18Ani kaffaltii guutuu argadhee caalaa iyyuu qabaadheera; kennaa isin ergitanis Ephafroodiixuu harkaa fudhadhee hamma na gaʼu argadheera. Kunis kennaa urgaaʼaa fi qalma fudhatamaa Waaqa gammachiisuu dha. 19Waaqni koos akkuma badhaadhummaa isaa ulfina qabeessa sanaatti waan isin barbaachisu hunda Kiristoos Yesuusiin isiniif guuta.

20Waaqa keenyaa fi Abbaa keenyaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinni haa taʼu. Ameen.

Dhaamsa Nagaa Xumuraa

21Kiristoos Yesuusiin qulqulloota hundatti nagaa naa himaa.

Obboloonni na wajjin jiranis nagaa isinii dhaamu.

22Qulqulloonni hundinuu, keessumattuu warri mana Qeesaarii jiraatan nagaa isinii dhaamu.

23Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu. Ameen.
Copyright information for GazHAHl