Philippians 2
Gad Of qabuu Kiristoos Duukaa Buʼuu
1Kanaafuu gorsa Kiristoosiin qabdan kam iyyuu taanaan, jaalalaan wal jajjabeessuu kam iyyuu taanaan, tokkummaa Hafuuraa kam iyyuu taanaan, araaraa fi gara laafina kam iyyuu taanaan, 2gammachuu koo naa guutaa; yaadaan tokko taʼaa; jaalala tokko qabaadhaa; hafuuraa fi kaayyoon tokko taʼaa. 3Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa. 4Tokkoon tokkoon keessan waan warra kaaniifis taʼu malee waan isin qofaaf taʼu hin ilaalinaa. 5Yaadni Kiristoos Yesuus keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu. 6Inni utuma bifa Waaqaatiin jiruu,wal qixxummaa Waaqa wajjin qabu akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne;
7qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee
fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe.
8Bifa namaa uffatee argamuudhaanis,
gad of deebise;
duʼaaf jechuunis duʼa fannoo irraatiif iyyuu ni ajajame!
9Kanaafuu Waaqni akka malee ol isa qabe;
maqaa maqaa hunda caalus isaaf kenne.
10Kunis akka jilbi hundinuu samii fi lafa irratti,
lafa jalattis, maqaa Yesuusiif jilbeenfatuuf.
11Akka arrabni hundinuus ulfina Waaqa Abbaatiif jedhee
Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼuu isaa dhugaa baʼuuf.
Waan Hunda Guungummii Malee Hojjechuu
12Kanaafuu yaa jaallatamoo, akkuma yeroo hunda ajajamtan sana, yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin amma yeroo ani isin bira hin jirretti caalchisaatii sodaa fi hollannaan fayyina keessan fiixaan baasuuf itti fufaa; 13akkuma kaayyoo isaa gaarii sanaatti fedhuu fi hojjechuu isin keessatti kan raawwatu Waaqaatii. 14Waan hunda guungummii fi falmii malee hojjedhaa; 15kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Waaqaa warra yakka hin qabnes taataniif, 16yoo isin dubbii jireenyaa jabeessitanii qabattan ani akkasumaan akka hin fiigin yookaan akkasumaan akka hin dadhabin guyyaa Kiristoositti of jajuu nan dandaʼa. 17Ani utuu aarsaa fi tajaajila amantii keessanii irratti akka dhibaayyuutti dhangalaafamee iyyuu nan gammada; hunda keessan wajjinis nan gammada. 18Kanaafuu isinis na wajjin gammaduu fi ililchuu qabdu.Xiimotewosii fi Afrodiixuu
19Ani oduu waaʼee keessanii dhagaʼee gammaduuf, akka ani dafee Xiimotewosin gara keessanitti erguu dandaʼu Gooftaa Yesuusin nan abdadha. 20Ani nama biraa kan akka isaa waaʼee keessan garaa qulqulluun yaadu tokko illee hin qabu. 21Sababiin isaas warri kaan hundi utuu fedhii Yesuus Kiristoosiif hin taʼin fedhii mataa isaaniitiif yaaduutii. 22Xiimotewos garuu akkuma ilmi abbaa isaa tajaajilutti hojii wangeelaa keessatti na wajjin tajaajiluu isaa akka of mirkaneesse isinuu beektu. 23Kanaaf ani akkuma haala koo hubadheen isa erguuf nan abdadha. 24Ani mataan koo iyyuu dafee dhufuuf Gooftaa nan amanadha. 25Ani garuu obboleessa koo Ephafroodiixuu hojjetaa hidhata koo taʼee fi loltuu hidhata koo taʼe, ergamaa keessan kan isin akka inni waan na barbaachisuun na tajaajiluuf ergitan sana deebisee gara keessan erguun barbaachisaa natti fakkaata. 26Inni hunda keessan yaadaatii; isin akka inni dhukkubsatee ture waan dhageessaniifis dhiphachaa jira. 27Inni dhugumaan dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Waaqni garuu isa maareera; utuu isa qofa hin taʼin akka gaddi gadda irratti natti hin dabalamneef anas baraareera. 28Kanaafuu isin akka yommuu lammata isa argitanitti gammaddanii fi akka yaaddoon koos naa salphatuuf dafee gara keessanitti isa erguu guddaa nan hawwa. 29Isinis Gooftaadhaan gammachuu guddaan isa simadhaa; namoota akkasiis kabajaa; 30inni gargaarsa isin naa kennuu hin dandaʼin naa kennuuf, jireenya isaa illee dabarsee kennuun, hojii Kiristoosiif jedhee duʼuu iyyuu gaʼee tureetii.
Copyright information for
GazHAHl