‏ Proverbs 11

1Waaqayyo madaalii hin amanamne ni balfa;
madaalii dhugaatti immoo ni gammada.
2Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa;
gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa.

3Amanamummaan tolootaa isaan dura deema;
warri hin amanamne garuu dabuma isaaniitiin badu.

4Guyyaa dheekkamsaatti qabeenyi faayidaa hin qabu;
qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.

5Qajeelummaan warra mudaa hin qabnee

karaa qajeelaa baasaaf;
hamoonni garuu hamminuma isaaniitiin badu.

6Qajeelummaan tolootaa isaan oolcha;
warri hin amanamne garuu

hawwii hamaadhaan qabamu.

7Yeroo namni hamaan duʼu, abdiin isaas ni bada;
wanni namni hamaan eeggatus ni barbadeeffama.

8Namni qajeelaan rakkoo jalaa ni baafama;
rakkoon sunis qooda isaa nama hamaa irra gaʼa.

9Namni Waaqatti hin bulle dubbii afaan isaatiin ollaa isaa balleessa;
namni qajeelaan immoo beekumsaan miliqa.

10Yommuu namni qajeelaan badhaadhu magaalaan ni gammada;
yommuu namni hamaan barbadaaʼu immoo iyya gammachuutu dhagaʼama.

11Eebba nama tolaatiin magaalaan ulfina argata;
afaan nama hamaatiin garuu ni barbadeeffama.

12Namni sammuu hin qabne ollaa isaa tuffata;
kan hubannaa qabu garuu ni calʼisa.

13Namni odeessu dhoksaa gad baasa;
kan amanamu garuu icciitii eega.

14Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa;
baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama.

15Namni nama hin beekneef wabii taʼu ni rakkata;
namni namaaf kakachuuf jedhee harka dhaʼuu didu immoo

nagaan jiraata.

16Dubartiin gara laafettiin ulfina argatti;
namoonni garaa dhagaa immoo qabeenya qofa argatu.

17Namni gaariin of fayyada;
gara jabeessi garuu rakkina ofitti fida.

18Namni hamaan mindaa sobaa argata;
kan qajeelummaa facaafatu immoo badhaasa dhugaa argata.

19Namni qajeelaan dhugumaan jireenya argata;
kan waan hamaa duukaa buʼu garuu gara duʼaa argata.

20 Waaqayyo warra yaada jalʼaa qaban balfa;
warra karaan isaanii mudaa hin qabnetti immoo ni gammada.

21Waan kana hubadhu: Namni hamaan utuu hin adabamin hin hafu;
qajeeltonni garuu bilisa baʼu.

22Dubartiin miidhagduun qalbii hin qabne
akkuma qubeelaa warqee kan funyaan booyyeetti jirtuu ti.

23Wanni qajeeltonni hawwan gaarii taʼaaf;
abdiin hamootaa garuu dheekkamsa qofa taʼa.

24Namni tokko toluma waa namaa kenna;
taʼus ittuma caalchisee sooroma;
kaan immoo waan kennuu malu dhowwata;

taʼus inuma hiyyooma.

25Namni arjaan ni badhaadha;
namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa.

26Nama dhoksee midhaan kuufatu sabni ni abaara;
kan gurguruuf fedhii qabu immoo eebbatu gonfoo taʼaaf.

27Namni waan gaarii barbaadu carraa gaarii argata;
hamminni garuu nama hammina barbaadutti dhufa.

28Namni sooruma ofii isaa abdatu kam iyyuu ni kufa;
qajeelaan garuu akkuma baala magariisaatti lalisa.

29Namni maatii isaatti rakkoo fidu bubbee qofa dhaala;
gowwaan immoo garbicha nama ogeessaa taʼa.

30Iji nama qajeelaa muka jireenyaa ti;
namni lubbuu namaa baraaru immoo ogeessa.

31Erga qajeeltonni lafa irratti gatii isaanii argatanii,
namni Waaqatti hin bullee fi cubbamaan

hammam caalaa haa argatanii ree!
Copyright information for GazHAHl