‏ Proverbs 14

1Dubartiin ogeettiin mana ishee ijaarratti;
gowwaan immoo harkuma isheetiin mana ofii diigdi.

2Namni qajeelummaan jiraatu Waaqayyoon sodaata;
kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu isa tuffata.

3Afaan nama gowwaa dugda isaatti ulee of tuulummaa fida;
arrabni ogeeyyii garuu isaan eega.

4Yoo qotiyyoon hin jirre, dallaan duwwaa taʼa;
garuu humna qotiyyoo tokkootiin midhaan baayʼeen argama.

5Dhuga baatuun amanamaan hin sobu;
dhuga baatuun sobaa immoo dhara of keessaa gad naqa.

6Qoostuun namaa ogummaa barbaadee hin argatu;
nama waa hubatuuf garuu beekumsi dadhabbii malee dhufa.

7Ati nama gowwaa irraa fagaadhu;
arraba isaa irraa beekumsa hin argattuutii.

8Ogummaan hubattootaa akka isaan karaa isaanii beekan isaan godha;
gowwummaan gowwootaa garuu karaa irraa isaan balleessa.

9Gowwoonni cubbuutti qoosu;
qajeeltota gidduutti garuu hawwii gaariitu argama.

10Garaan gadda ofii isaa ni beeka;
namni biraa tokko iyyuu gammachuu isaa irraa hin qooddatu.

11Manni nama hamaa ni bada;
dunkaanni nama qajeelaa immoo ni daraara.

12Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira;
dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.

13Kolfa keessatti iyyuu garaan nama dhukkubuu dandaʼa;
gammachuunis gaddaan dhumuu dandaʼa.

14Namni hin amanamne gatii karaa isaa,
namni gaariin immoo gatii hojii isaa argata.

15Namni homaa hin beekne waan hunda amana;
namni qalbii qabu garuu tarkaanfii isaa ilaallata.

16Namni ogeessi of eeggata; waan hamaa irraas ni deebiʼa;
gowwaan garuu waan hundatti jarjara; of illee hin eeggatu.

17Namni dafee aaru gowwummaa hojjeta;
namni daba hojjetu garuu ni jibbama.

18Namni homaa hin beekne gowwummaa dhaala;
qalbeeffataan garuu beekumsa gonfata.

19Namoonni hamoon fuula namoota gaarii duratti,
jalʼoonnis karra qajeeltotaa duratti sagadu.

20Hiyyeeyyii olloonni isaanii iyyuu ni jibbu;
sooreyyiin immoo michoota hedduu qabu.

21Namni ollaa isaa tuffatu cubbuu hojjeta;
kan rakkataaf garaa laafu garuu eebbifamaa dha.

22Namni hammina yaadu karaa irraa hin baduu?
Warri waan gaarii karoorsan garuu jaalalaa fi

amanamummaa argatu.

23Jabaatanii hojjechuun hundi buʼaa buusa;
oduun faayidaa hin qabne garuu hiyyummaa qofa fida.

24Gonfoon ogeeyyii qabeenya isaanii ti;
gowwummaan gowwootaa garuu gowwummaa dhala.

25Dhuga baatuun dhugaa lubbuu baraara;
dhuga baatuun sobaa immoo soba dubbata.

26Namni Waaqayyoon sodaatu daʼannoo jabaa qaba;
ijoolleen isaas daʼoo argatu.

27 Waaqayyoon sodaachuun burqaa jireenyaa ti;
kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.

28Ulfinni mootii tokkoo baayʼina uummata isaa ti;
yoo uummanni hin jirre garuu ilmi mootiis ni bada.

29Namni obsa qabu hubannaa guddaa qaba;
kan dafee aaru garuu gowwummaa mulʼisa.

30Garaan nagaa qabu dhagnaaf jireenya kenna;
hinaaffaan garuu lafee tortorsa.

31Namni hiyyeessa cunqursu kan isa Uume tuffata;
namni hiyyeessaaf garaa laafu immoo Waaqa kabaja.

32Hamoonni jalʼinuma isaaniitiin badu;
qajeeltonni garuu duʼa keessatti illee

amanamummaa isaaniitiin daʼannoo argatu.

33Ogummaan qalbii nama waa hubatuu keessa jirti;
garaa gowwootaa keessatti garuu hin beekamtu.

34Qajeelummaan saba ol guddisa;
cubbuun garuu saba kamiif iyyuu salphina.

35Mootiin tajaajilaa ogeessatti ni gammada;
kan isa qaanessutti garuu ni dheekkama.
Copyright information for GazHAHl