‏ Proverbs 15

1Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa;
jechi hamaan garuu aarii kakaasa.
2Arrabni nama ogeessaa beekumsa jaja;
afaan nama gowwaa garuu gowwummaa dhangalaasa.

3Iji Waaqayyoo idduma hunda jira;
nama hamaa fi gaariis ni toʼata.

4Arrabni fayyina fidu muka jireenyaa ti;
arrabni sobu garuu hafuura cabsa.

5Gowwaan adabbii abbaa isaa tuffata;
namni sirreeffama fudhatu kam iyyuu garuu qalbii qabeessa.

6Manni nama qajeelaa badhaadhummaa guddaa qaba;
galiin nama hamaa garuu rakkoo isatti fida.

7Arrabni nama ogeessaa beekumsa facaasa;
garaan nama gowwaa garuu akkas miti.

8 Waaqayyo aarsaa hamootaa ni balfa;
kadhannaan tolootaa garuu isa gammachiisa.

9 Waaqayyo karaa hamootaa ni balfa;
warra qajeelummaa duukaa buʼan garuu ni jaallata.

10Nama daandii irraa jalʼatu adabbii hamaatu isa eeggata;
kan sirreeffama jibbu ni duʼa.

11Duʼaa fi Badiisni fuula Waaqayyoo duratti beekamoo dha;
yoos garaan namaa hammam caalaa haa beekamu ree!

12Namni qoosu sirreeffama hin jaallatu;
nama ogeessaanis hin mariʼatu.

13Garaan gammadu akka fuulli ifu godha;
gaddi garaa garuu hafuura cabsa.

14Garaan waa qalbeeffatu beekumsa barbaada;
afaan gowwaa garuu gowwummaa nyaata.

15Barri nama hacuucamee guutumaan guutuutti gadadoo dha;
garaa gammaduuf garuu guyyaan hundinuu cidha.

16Qabeenya guddaa rakkina of keessaa qabuu mannaa,
Waaqayyoon sodaachaa waan xinnaa qabaachuu wayya.

17Jibbaan cooma sangaa nyaachuu mannaa,
jaalalaan raafuu nyaachuu wayya.

18Namni dafee aaru lola kakaasa;
namni obsa qabu garuu lola qabbaneessa.

19Karaan nama dhibaaʼaa qoraattiidhaan cufama;
daandiin tolootaa garuu karaa diriiraa dha.

20Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa;
namni gowwaan garuu haadha isaa tuffata.

21Nama qalbii hin qabne gowwummaatu isa gammachiisa;
namni hubataan garuu daandii qajeelaa irra deema.

22Karoorri gorsa hin qabne fiixaan hin baʼu;
garuu gorsitoota hedduudhaan ni milkaaʼa.

23Namni tokko deebii malu kennuudhaan gammachuu argata;
dubbiin yeroo isaatti dubbatamu akkam gaarii dha!

24Daandiin nama hubataa akka inni siiʼoolitti gad hin buuneef
gara jireenyaatti ol isa baasa.

25 Waaqayyo mana nama of tuuluu ni diiga;
daangaa haadha hiyyeessaa garuu ni dhaaba.

26 Waaqayyo yaada nama hamaa ni balfa;
yaadni nama qulqulluu garuu isa gammachiisa.

27Namni doqni maatii isaatti rakkina fida;
kan mattaʼaa jibbu garuu ni jiraata.

28Garaan nama qajeelaa haala ittiin deebii kennu yaada;
afaan nama hamaa garuu hammina dhangalaasa.

29 Waaqayyo nama hamaa irraa fagoo jira;
kadhannaa nama qajeelaa garuu ni dhagaʼa.

30Fuulli ifaan garaa gammachiisa;
oduun gaariinis lafee haaromsa.

31Namni adabbii jireenya kennu dhaggeeffatu,
ogeeyyii gidduu jiraata.

32Namni adabbii tuffatu ofuma tuffata;
kan sirreeffama fudhatu garuu hubannaa argata.

33 Waaqayyoon sodaachuun ogummaa nama barsiisa;
gad of qabuunis ulfina dura dhufa.
Copyright information for GazHAHl