Proverbs 17
1Mana nyaataa dhugaatiin guutame kan lola qabuu mannaa,iddoo nagaan jirutti hurraaʼaa buddeena goggogaa wayya.
2Garbichi hubataan ilma salphaa bulcha;
obboloota gidduuttis dhaala qooddata.
3Okkoteen waa itti baqsan meetiif, boolli ibiddaa immoo warqeef;
Waaqayyo garuu garaa namaa qora.
4Namni hamaan dubbii gowwoomsaa dhaggeeffata;
sobaanis arraba balaʼamaadhaaf gurra kenna.
5Namni hiyyeeyyiitti qoosu kan isaan Uume sana tuffata;
kan badiisa namaatti gammadu utuu hin adabamin hin hafu.
6Nama jaare tokkoof ilmaan ilmaan isaa gonfoo dha;
haadhaa fi abbaanis ijoollee isaaniitiif ulfina.
7Dubbiin baʼeessi nama gowwaatti hin tolu;
hidhiin sobu immoo hammam bulchaa tokkotti haa hammaatu ree!
8Mattaʼaan namicha kennuuf miʼa falfalaa ti;
inni lafa dhaqu kamitti iyyuu ni milkaaʼa.
9Namni balleessaa namaaf dhiisu jaalala guddisa;
namni waan tokko irra deddeebiʼu, garuu michoota walitti dhiʼaatan gargar baasa.
10Hamma gowwaan yeroo dhibba garafamee itti dhagaʼamu caalaa
ifannaan nama waa hubatutti dhagaʼama.
11Namni hamaan fincila qofa barbaada;
ergamaan namaa hin naane isatti ni ergama.
12Gowwaa gowwummaa isa keessa jiruun
walitti dhufuu mannaa amaaketa dhaltuu ilmaan ishee jalaa fudhatamaniin walitti dhufuu wayya.
13Nama qooda gaarii hamaa deebisu,
hamminni mana isaa keessaa hin baʼu.
14Lola jalqabuun akkuma bishaan cabsanii yaasuu ti;
kanaafuu utuu lolli hin hoʼin dubbii dhiisi.
15 Waaqayyo waan kana lachuu ni balfa;
kunis nama yakka qabu qulqulluu gochuu fi nama balleessaa hin qabnetti muruu dha.
16Sababii inni ogummaa argachuuf fedhii hin qabneef,
maallaqni harka gowwaa jiru faayidaa maalii qaba?
17Michuun yeroo hunda nama jaallata;
obboleessi immoo guyyaa rakkootiif dhalata.
18Namni qalbii hin qabne harka dhaʼee waa namaaf kakata;
fuula ollaa ofii isaa durattis wabii taʼa.
19Namni lola jaallatu cubbuu jaallata;
namni karra ol dheeraa ijaarus badiisa waama.
20Namni yaada hamaa qabu hin milkaaʼu;
kan arrabni isaa nama gowwoomsus rakkoo keessa seena.
21Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida;
abbaan ilma gowwaas hin gammadu.
22Garaan gammadu qoricha gaarii dha;
hafuurri cabe immoo lafee gogsa.
23Namni hamaan karaa murtii qajeelaa jalʼisuuf jedhee
dhoksaadhaan mattaʼaa fudhata.
24Namni hubataan fuula isaa gara ogummaatti deebifata;
iji gowwaa garuu hamma handaara lafaatti joora.
25Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida;
haadha isa deessettis jireenya hadheessa.
26Nama balleessaa hin qabne tokko adabuun gaarii miti;
qondaaltota amanamoo rukutuunis sirrii miti.
27Namni beekaan of qusachaa dubbata;
namni hubataanis hafuura qabanaaʼaa qaba.
28Gowwaan iyyuu yommuu calʼisu ogeessa fakkaata;
yommuu arraba isaa toʼatus hubataa fakkaata.
Copyright information for
GazHAHl