‏ Proverbs 18

1Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa;
murtii dhugaa hundaanis ni morma.

2Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu;
garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada.

3Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa;
salphinnis qaanii wajjin dhufa.

4Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha;
burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha.

5Gara nama hamaa goruun

yookaan nama balleessaa hin qabne
murtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti.

6Hidhiin gowwaa lola fida;
afaan isaas rukutamuu itti waama.

7Afaan gowwaa badiisa isaa ti;
hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti.

8Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti;
gara kutaa garaattis gad buʼa.

9Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu,
obboleessa nama waa balleessuu ti.

10Maqaan Waaqayyoo gamoo jabaa dha;
namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola.

11Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha;
isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu.

12Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula;
gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.

13Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun,
gowwummaa fi qaanii dha.

14Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa;
hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa?

15Garaan nama hubataa beekumsa argata;
gurri ogeessaas waan kana barbaada.

16Kennaan abbicha kennuuf karaa bana;
fuula namoota gurguddaa durattis isa dhiʼeessa.

17Hamma namni biraa dhufee isaan mormutti,
namni jalqabatti himata isaa dhiʼeeffatu tokko

dhugaa qabeessa fakkaata.

18Ixaa buusuun wal falmii qabbaneessa;
namoota wal lolan jajjaboos addaan galcha.

19Obboleessa yakkame tokko deebisuun

magaalaa daʼoo qabdu irra ulfaata;
wal falmiinis akkuma danqaraa karra dallaa dhagaa ti.

20Ija afaan isaatiin garaan namaa quufa;
dubbii arraba isaatiinis ni guuta.

21Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba;
warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.

22Namni niitii argatu waan gaarii argata;
fuula Waaqayyoo durattis surraa argata.

23Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata;
sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna.

24Namni michoota baayʼisu ni bada;
garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.
Copyright information for GazHAHl