‏ Proverbs 19

1Gowwaa daba dubbatuu mannaa
hiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya.
2Namni beekumsa hin qabne gaarii miti;
miilli jarjarus karaa irraa jalʼata.

3Gowwummaan namaa karaa isaa jalʼisa;
garaan isaa immoo Waaqayyotti aara.

4Badhaadhummaan michoota hedduu nama argachiisa;
hiyyeessi garuu michoota isaa irraa gargar baʼa.

5Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu;
namni soba odeessuus jalaa hin baʼu.

6Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada;
namni hundis michuu nama waa namaa kennuu ti.

7Obboloonni hiyyeessaa hundinuu isa jibbu;
yoos michoonni isaa hammam caalaa isa irraa haa fagaatan ree!
Inni kadhachaa isaan duukaa buʼu iyyuu
isaan eessattuu hin argaman.

8Namni qalbii qabu ofii isaa jaallata;
namni hubannaa jaallatu ni milkaaʼa.

9Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu;
namni soba odeessus ni bada.

10Jireenya qananii jiraachuun gowwaaf hin malu;
yoos ilmaan mootii bulchuun garbichaaf

hammam caalaa haa hammaatu ree?

11Ogummaan nama tokkoo obsa kennaaf;
balleessaa namaa irra darbuunis isaaf ulfina.

12Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti,
surraan isaa immoo akkuma fixeensa marga irratti.

13Ilmi gowwaan abbaa isaatiif badiisa;
niitiin nyakkiftunis
akka mana yeroo hundumaa dhimmisuu ti.

14Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu;
niitii qalbii qabdu garuu Waaqayyotu namaaf kenna.

15Dhibaaʼummaan hirriba guddaa namatti buusa;
namni hojii malee taaʼus ni beelaʼa.

16Namni ajaja eegu lubbuu isaa eeggata;
kan karaa isaa tuffatu immoo ni duʼa.

17Namni hiyyeessaaf garaa laafu Waaqayyoof liqeessa;
Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa.

18Yeroo abdiin jirutti ilma kee adabadhu;
akka inni duʼuufis calʼistee hin ilaalin.

19Namni dafee aaru adabamuu qaba;
ati yoo isa oolchite, amma illee akkasuma gochuu qabda.

20Gorsa namaa dhaggeeffadhu; sirreeffamas fudhadhu;
dhuma irratti ati nama ogeessa taata.

21Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira;
garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Waaqayyoo ti.

22Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha;
sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya.

23 Waaqayyoon sodaachuun jireenyatti nama geessa;
yoos namni boqonnaadhaan jiraata;

rakkinnis isa hin argatu.

24Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa;
gara afaan isaattis hin deebifatu!

25Qoostuu garafi; wallaalaan hubannaa argataa;
nama qalbii qabu ifadhu; inni beekumsa argataatii.

26Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu,
ilma qaanii fi salphina fiduu dha.

27Yaa ilma ko, mee qajeelfama dhaggeeffachuu dhiisi;
ati dubbii beekumsaa irraa ni baddaa.

28Dhuga baʼaan faayidaa hin qabne murtii qajeelaa tuffata;
afaan hamootaa immoo hammina liqimsa.

29Qoostotaaf adabbii,
dugda gowwootaatiif immoo rukuttaatu qopheeffama.
Copyright information for GazHAHl