‏ Proverbs 20

1Daadhiin wayinii nama qoostuu,

dhugaatiin cimaan immoo waccuu nama godha;
namni isaaniin fudhatamus ogeessa miti.

2Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti;
namni isa aarsus lubbuu ofii isaa dhaba.

3Lola irraa fagaachuun ulfina;
gowwaan hundi garuu lolatti ariifata.

4Dhibaaʼaan yeroodhaan hin qotatu;
kanaafuu inni yeroo haamaatti ni ilaala malee

homaa hin argatu.

5Yaadni qalbii namaa akkuma bishaan gad fagoo ti;
hubataan namaa garuu ni waraabbata.

6Namni hedduun akka jaalala hin dhumne qabu dubbata;
nama amanamaa garuu eenyutu argachuu dandaʼa?

7Namni qajeelaan amanamummaadhaan jiraata;
ijoolleen isaa warri booddee dhalatanis ni eebbifamu.

8Mootiin tokko yeroo murtii kennuuf teessoo isaa irra taaʼutti,
waan hamaa hunda ijuma isaatiin gingilchee addaan baasa.

9
20:9, 20:20-20:22 in most Bibles.
Eenyutu, “Ani garaa koo qulqulleeffadheera;
ani qulqulluu dha; cubbuus hin qabu” jechuu dandaʼa?

10Madaalii jalʼaa fi safartuu jalʼaa
lamaanuu Waaqayyo ni balfa.

11Mucaan xinnaan iyyuu amalli isaa qulqulluu fi
qajeelaa taʼuun isaa hojii isaatiin beekama.

12Gurra dhagaʼuu fi ija argu,
lachanuu Waaqayyotu uume.

13Akka hin hiyyoomneef, hirriba hin jaallatin;
midhaan akka quuftuuf, dammaqii jiraadhu.

14Namni waa bitatu, “Wanni kun gaarii miti;

wanni kun gaarii miti!” jedha;
ergasii immoo dhaqee waaʼee waan bitate sanaa boona.

15Warqeen ni jira; lulli diimaanis baayʼinaan jira;
arrabni beekumsa dubbatu garuu faaya gatii guddaa ti.

16Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu;
yoo inni dubartii ormaatiif wabii taʼes uffata sana qabdii qabadhu.

17Nyaanni gowwoomsaadhaan argame namatti miʼaawa;
dhuma irratti garuu afaan nama sanaa cirrachatu guuta.

18Gorsaan karoora baafadhu;
qajeelfama ogummaatiin waraana bani.

19Hamattuun icciitii baafti;
kanaafuu odeessituu wajjin tokkummaa hin qabaatin.

20Namni tokko yoo abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare,
ibsaan isaa dukkana hamaa keessatti dhaama.

21Dhaalli jalqabumatti dafee argame
dhumni isaa eebba hin qabaatu.

22Ati, “Yakka ati hojjette kanaaf

ani gatii kee siifin kenna!” hin jedhin;
Waaqayyoon eeggadhu; inni si baasa.

23 Waaqayyo madaalii jalʼaa ni balfa;
safartuu sobaattis hin gammadu.

24Adeemsi namaa Waaqayyoon qajeelfama.
Yoos namni kam iyyuu akkamiin karaa ofii isaa hubachuu dandaʼa ree?

25Namni utuu itti hin yaadin,

“Wanni kun Waaqaaf qulqulleeffameera” jedhee
ergasii immoo waan wareege sana gaabbe kiyyoo isatti taʼa.

26Mootiin ogeessi hamoota gingilchee addaan baasa;
geengoo ittiin midhaan dhaʼan illee isaan irra oofa.

27Ibsaan Waaqayyoo hafuura namaa sakattaʼa;
inni keessa namaa illee isumaan qora.

28Jaalallii fi amanamummaan mootii tokko nagaan jiraachisu;
teessoon mootummaa isaas jaalalaan eegama.

29Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti;
arriin mataa kabaja nama umuriin dheeratee ti.

30Abootteen nama madeessu hammina nama irraa qulqulleessa;
garaffiin immoo keessa namaa geeddara.
Copyright information for GazHAHl