‏ Proverbs 25

Fakkeenya Solomoon Dabalataa

1Fakkeenyawwan kunneen fakkeenyawwan Solomoon kanneen namoonni Hisqiyaas, mooticha Yihuudaa garagalchanii dha: 2Waa dhoksuun Waaqaaf ulfina isaa ti;
waa sakattaʼanii bira gaʼuun immoo ulfina moototaa ti.
3Akkuma samiiwwan ol dheeratanii
laftis gad fagaatu sana, yaadni moototaa qoratamee bira hin gaʼamu.

4Meetii irraa xurii baasi;
ergasii tumtuun qodaa tolchuu dandaʼa.
5Nama hamaa fuula mootii duraa balleessi;
ergasii teessoon isaa qajeelummaadhaan ni jabaata.

6Fuula mootii duratti ol of hin qabin;
iddoo namoota gurguddaas hin dhaabatin;
7inni fuula namoota bebeekamoo duratti si salphisuu irra,
yoo inni, “As ol kottu” siin jedhe wayyaa.

Ati waan ija keetiin argite,
8daftee mana murtiitti hin fidin;
yoo ollaan kee si qaanesse,
dhuma irratti ati maal gochuu dandeessa?

9Dhimma kee ollaa kee wajjin falmadhu;
iccitii nama kaanii immoo hin baasin;
10yoo kanaa achii namni waan sana dhagaʼee si qaanessa;
maqaan hamaan siif kenname sunis sirraa hin baʼu.

11Dubbiin yeroo isaatti dubbatame,
akkuma hudhaa warqee kan meetii irratti hojjetamee ti.
12Ifanni nama ogeessaa gurra dhaggeeffatuuf,
lootii warqee yookaan faaya warqee qulqulluu ti.

13Ergamaan amanamaan tokko warra isa ergataniif
akkuma qabbana cabbii kan yeroo midhaan haamanii ti;
inni hafuura gooftota isaa haaromsaatii.
14Namni kennaa namaaf hin kennineen boonu tokko
akkuma duumessaa fi bubbee bokkaa hin qabnee ti.

15Obsaan bulchaa tokko garaa laafifachuun ni dandaʼama;
dubbiin malaan dubbatame lafee ni cabsa.

16Damma yoo argatte hamma si gaʼu nyaadhu;
yoo baayʼiftee nyaatte ni diddigda.
17Mana ollaa keetii dhaquu hin baayʼisin;
yoo ati miilla itti baayʼifte inni si jibba.

18Namni sobaan ollaa isaatti dhugaa baʼu, akkuma bokkuu yookaan
goraadee yookaan xiyya qara qabuu ti.
19Nama hin amanamne tokko yeroo rakkootti abdachuun
akkuma ilkaan cabee yookaan miilla okkoluu ti.
20Nama garaan isaa gaddeef sirba sirbuun
akkuma nama guyyaa dhaamochaa wayyaa of irraa baasuu,
yookaan madaa irratti dhangaggaaʼaa dhangalaasuu ti.

21Yoo diinni kee beelaʼe waan inni nyaatu kenniif;
yoo inni dheebotes bishaan inni dhugu kenniif.
22Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta;
Waaqayyos si badhaasa.

23Akkuma bubbeen kaabaa bokkaa fidu,
arrabni hamatus fuula dheekkamu fida.

24Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa,
golee bantii manaa irra jiraachuu wayya.

25Oduun gaariin biyya fagootii dhufu,
akkuma bishaan qabbanaaʼaa lubbuu dheebotteef taʼuu ti.
26Namni qajeelaan fuula hamootaa duratti kufu,
akkuma burqaa dhoqqaaʼee yookaan boolla bishaanii faalame tokkoo ti.

27Damma baayʼee nyaachuun gaarii miti;
ulfina mataa ofii barbaaduunis ulfina miti.

28Namni of hin qabne,
akkuma magaalaa dallaan isaa diigamee ti.
Copyright information for GazHAHl