Proverbs 27
1Ati waaʼee boriitiin hin boonin;waan guyyaan fidu hin beektuutii.
2Namni biraa si haa jaju malee ati afaan keetiin of hin jajin;
namni kaan si haa jajuu malee hidhiin kee si hin jajin.
3Dhagaan ni ulfaata; cirrachis baʼaa dha;
tuttuqaan gowwaa garuu lachuu caalaa ulfaata.
4Dheekkamsi gara jabeessa; aariinis guutee dhangalaʼa;
hinaaffaa dura garuu eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
5Jaalala dhokfamee mannaa
ifannaa ifatti baʼe wayya.
6Madaan michuun nama madeessu amanamaa dha;
dhungachuun diinaa garuu gowwoomsaa dha.
7Namni quufe damma illee ni balfa;
kan beelaʼe garuu wanni hadhaaʼu iyyuu itti miʼaawa.
8Namni mana isaatii badu tokko,
akkuma simbirroo manʼee isheetii badduu ti.
9Shittoo fi ixaanni garaa nama gammachiisu;
gorsi michuus garaa nama ciibsa.
10Michoota keetii fi michoota abbaa keetii hin gatin;
yoo balaan sitti dhufe mana obboleessa keetii hin dhaqin;
obboleessa fagoo jiru irra ollaa dhiʼoo jiru wayya.
11Yaa ilma ko, ogeessa taʼiitii garaa koo gammachiisi;
ergasii ani nama na tuffatu hundaaf deebii kennuu nan dandaʼa.
12Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata;
wallaalaan immoo ittuma deemee adabama.
13Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu;
yoo inni dubartii ormaatiif wabii taʼes uffata sana qabdii qabadhu.
14Namni tokko ganamaan sagalee ol fudhatee ollaa isaa yoo eebbise
wanni sun akka abaarsaatti fudhatama.
15Niitiin nyakkiftuun, akkuma bokkaa guyyaa roobaa
dhimmisaa ooluu ti;
16ishee ittisuun akkuma bubbee ittisuu ti
yookaan akkuma zayitii harkaan qabuu ti.
17Akkuma sibiilli sibiila qaru,
namni tokko nama kaan qara.
18Namni muka harbuu eeggatu tokko ija isaa nyaata;
namni gooftaa isaa eeggatus ulfina argata.
19Akkuma bishaan fuula namaa argisiisu sana
garaan nama tokkoo eenyummaa namichaa argisiisa.
20Duʼaa fi Badiisni gonkumaa hin quufan;
iji namaas akkasuma.
21Okkoteen waa itti baqsan meetiif;
boolli ibiddaa immoo warqeef;
namni immoo ulfina argatuun qorama.
22Gowwaa mooyyee keessatti yoo tumte iyyuu,
akkuma midhaaniitti muka mooyyeetiin isa bulleessite iyyuu,
ati gowwummaa isa irraa hin balleessitu.
23Haala bushaayeen kee keessa jiran sirriitti beeki;
loon keetiifis xiyyeeffannaa kenni;
24soorumni bara baraan itti hin fufuutii;
gonfoonis dhaloota irraa dhalootatti hin darbu.
25Yeroo okaan haamamee biqilaa haaraan jalaan biqilee
margi tulluu irraa walitti qabamutti,
26xobbaallaawwaniin daara baata;
reʼoonni immoo gatii lafa qotiisaa siif taʼu.
27Ati ofii keetii fi maatii kee, xomboreewwan kees ittiin jiraachisuuf
aannan reʼootaa baayʼee ni qabaatta.
Copyright information for
GazHAHl