‏ Proverbs 29

1Namni ifannaa baayʼee booddee
mataa jabaatu kam iyyuu akkuma tasaa caba; hin fayyus.

2Yommuu namni qajeelaan aangoo qabatutti, sabni ni ililcha;
yommuu namni hamaan bulchu garuu sabni ni guunguma.

3Namni ogummaa jaallatu abbaa isaa gammachiisa;
miiltoon sagaagaltuu garuu qabeenya isaa barbadeessa.

4Mootiin murtii qajeelaadhaan biyyaaf nagaa buusa;
kan mattaʼaaf gaggabu immoo biyya gargar qoqqooda.

5Namni ollaa isaa jaju,
miilluma isaatiif kiyyoo kaaʼa.

6Namni hamaan cubbuu ofii isaatiin qabama;
qajeelaan garuu ni faarfata; ni ililchas.

7Namni qajeelaan mirga hiyyeessaatiif dhaabata;
namni hamaan garuu dhimma akkanaa hin qabu.

8Qoostonni magaalaa jeequ;
ogeeyyiin garuu aarii qabbaneessu.

9Yoo ogeessi gowwaa wajjin mana murtii dhaqe,
gowwaan sun ni aara yookaan ni kolfa; nagaanis hin jiraatu.

10Namoonni dhiiga dheebotan, nama amanamaa jibbu;
nama tolaas ajjeesuu barbaadu.

11Gowwaan guutumaan guutuutti aariitti of kenna;
ogeessi garuu of qaba.

12Yoo bulchaan tokko soba dhaggeeffate,
qondaaltonni isaa hundi ni hammaatu.

13Hiyyeessaa fi namni nama cunqursu waan kanaan wal fakkaatu:
Waaqayyo ija lachan isaaniitiifuu agartuu kenna.

14Yoo mootiin tokko wal qixxummaadhaan

hiyyeeyyiif murtii kenne,
teessoon isaa bara baraan jabaatee dhaabata.

15Ulee fi ifannaan ogummaa kennu; daaʼimni akkasumatti
gad dhiifame garuu haadha isaa salphisa.

16Yommuu hamoonni aangoo qabatan, cubbuutu baayʼata;
qajeeltonni garuu kufaatii jaraa argu.

17Ilma kee adabadhu, inni nagaa siif kenna;
lubbuu kees ni gammachiisa.

18Iddoo mulʼanni hin jirretti sabni gad dhiisii taʼa;
namni seera eegu garuu eebbifamaa dha.

19Garbichi dubbii afaanii qofaan hin sirreeffamu;
inni yoo hubate illee deebii hin kennuutii.

20Ati nama jarjarsuun dubbatu argitee?
Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba.

21Nama garbicha ofii isaa

ijoollummaa isaatii jalqabee qanansiisu,
galgalli isaa rakkina.

22Namni aaru lola kakaasa;
kan dafee aarus cubbuu hedduu hojjeta.

23Of tuulummaan namaa isuma gad deebisa;
namni hafuuraan gad of qabu garuu ulfina argata.

24Namni hattuu wajjin qooddatu lubbuu ofii isaa jibba;
inni ni kakata; garuu waan tokko illee hin himu.

25Nama sodaachuun kiyyoo namatti taʼa;
kan Waaqayyoon amanatu garuu nagaadhaan jiraata.

26Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada;
murtiin qajeelaan garuu Waaqayyo biraa dhufa.

27Qajeelaan sobduu xireeffata;
hamaan immoo nama tolaa jibba.
Copyright information for GazHAHl