Proverbs 30
Jecha Aguur
1Jecha Aguur ilma Yaaqee. Dubbiin nama kanaa akkana jedhee Iitiiʼeeliitti dubbatame:“Innis Iitiiʼeeliittii fi Ukaalitti dubbate:
2Ani dhugumaan doofaa nama hundaa gadii ti;
ani hubannaa namni qabu hin qabu.
3Ani ogummaa hin baranne yookaan beekumsa
Isa Qulqulluu sanaa hin qabu.
4Eenyutu samiitti ol baʼee deebiʼee dhufe?
Kan harki isaa bubbee walitti qabe eenyu?
Namni bishaan uffataan mare eenyu?
Kan daarii lafaa hunda jabeessee dhaabe eenyu?
Maqaan isaatii fi maqaan ilma isaa eenyu?
Mee yoo beekte natti himi!
5“Dubbiin Waaqaa hundinuu hirʼina hin qabu;
warra isatti kooluu galaniif, inni gaachana.
6Dubbii isaatti homaa hin dabalin;
yoo kanaa achii inni si ifata; atis sobduu taatee argamta.
7“Yaa Waaqayyo ani wantoota lama sin kadhadha;
isaanis utuu hamman jirutti ana hin dhowwatin.
8Gowwoomsaa fi soba narraa fageessi;
hiyyummaa yookaan sooruma naaf hin kennin;
garuu buddeena koo guyyaa guyyaan naaf kenni.
9Yoo kanaa achii ani akka malee quufee si ganee
‘Waaqayyo eenyuu dha?’ nan jedha;
yookaan hiyyoomee hatee,
akkasiin maqaa Waaqa koo nan salphisa.
10“Garbicha tokko gooftaa isaa biratti hin hamatin,
yoo kanaa achii inni si abaaraa; atis waan kanatti ni gaafatamta.
11“Dhaloota abbaa isaa abaaru
kan haadha isaa illee hin eebbifnetu jira;
12dhaloota qulqulluu of seʼu,
kan xurii isaa irraa hin qulqulleeffamintu jiru;
13dhaloota iji isaa akka malee of tuulu,
kan baalleen ija isaas nama tuffatutu jira;
14dhaloota hiyyeeyyii lafa irraa fixuuf
rakkattoota illee gidduu namaatii balleessuuf
ilkaan isaa goraadee,
haʼoon isaa immoo billaa taʼe jira.
15“Dhulaandhulli intallan,
‘Kenni! Kenni!’ jedhanii iyyan lama qabdi.
“Wantoota gonkumaa hin quufne sadiitu jira;
kanneen gonkumaa, ‘Nu gaʼe!’ hin jenne immoo afurtu jira:
16isaanis Siiʼool,
gadameessa maseene,
lafa gonkumaa bishaan hin quufnee fi
ibidda gonkumaa, ‘Na gaʼe!’ hin jennee dha.
17“Ija abbaatti qoosu,
kan ajaja haadhaa tuffatu
arraagessa sululaatiin baafama;
joobiraanis ni nyaatama.
18“Wantoonni akka malee na dinqisiisan sadiitu jira;
afur immoo ani hin hubadhu; kunis:
19Karaan risaa samii irra,
karaan bofaa kattaa irra,
karaan doonii galaana guddaa irra,
karaan dhiiraa immoo dubartii wajjin taʼuu isaa ti.
20“Karaan ejjituu kana:
Isheen waa nyaattee afaan haqatti;
ergasii immoo, ‘Ani homaa hin balleessine’ jetti.
21“Lafti waan sadii jalatti hollatti;
afur immoo baachuu hin dandeessu; kunis:
22Garbicha mootii taʼu,
gowwaa nyaatee quufu,
23dubartiin jibbamte yeroo dhirsa argattu,
garbittii giiftii ishee dhaaltu.
24“Wantoonni xixinnoon afur lafa irra jiru;
taʼu illee isaan akka malee ogeeyyii dha; isaanis:
25Goondaawwan tuuta jabina hin qabnee dha;
taʼus isaan yeroo bonaa nyaata isaanii walitti qaban;
26osoleewwan uumamawwan humna hin qabnee dha;
garuu kattaa keessa jiraatu;
27hawwaannisni mootii hin qabu;
garuu tarree galee yaaʼa;
28loccuun harkaan qabamuu dandeessi;
garuu masaraa mootii keessatti argamti.
29“Wantoota deemsa tolan sadiitu jira;
kanneen tarkaanfii bareedanis afurtu jira; isaanis:
30Leenca bineensa hunda keessaa jabaa, kan waan tokko illee sodaatee duubatti hin deebine;
31korma indaanqoo kan kooraa deemu,
korbeessa reʼeetii fi,
mootii loltoota isaa dura deemu.
32“Ati yoo of jajuudhaan gowwoomte,
yookaan yoo hammina malatte,
harka kee afaan kee irra kaaʼadhu!
33Akkuma aannan raasuun dhadhaa baasu,
funyaan micciiruunis dhiiga baasu sana,
aarii kakaasuun lola fida.”
Copyright information for
GazHAHl