‏ Proverbs 6

Akeekkachiisa Waaʼee Gowwummaa Irratti Kenname

1Yaa ilma ko, ati yoo ollaa keetiif wabii taatee
harka dhooftee nama ormaatiif kakatte,
2yoo waanuma dubbatteen qabamtee
dubbuma afaan keetiitiin kiyyoo seente,
3yoos yaa ilma ko,

ati sababii harka ollaa keetii seentee jirtuuf
ati of baasuudhaaf
dafii dhaqiitii gad of qabii
jabeessiitii ollaa kee kadhadhu!
4Ija keetiif hirriba,
baallee ija keetiitiif immoo mugaatii hin eeyyamin.
5Ati akkuma kuruphee harka adamsituutii baatuutti,
akkuma simbirroo kiyyoo nama ishee qabuu jalaa baatuutti of oolchi.

6Yaa dhibaaʼaa nana mee gara goondaa dhaqi;
karaa ishee qalbeeffadhuutii ogeessa taʼi!
7Inni ajajaa hin qabu;
toʼataa yookaan bulchaa hin qabu;
8taʼu illee inni bona keessa nyaata isaa kuufata;
yeroo midhaan galfamutti immoo nyaata isaa walitti qabata.

9Yaa dhibaaʼaa nana, ati hamma yoomiitti ciifta?
Ati yoomi hirriba keetii kaata?
10Hirriba xinnaa, mugaatii xinnaa,
xinnoo harka walitti marachuu,
11hiyyummaanis akkuma hattuutti sitti dhufa;
deegummaanis akkuma loltuu hidhateetti sitti dhufa.

12Namni rakkisaan, namni hamaan,
dubbii sobaatiin asii fi achi naannaʼa;
13inni ijaan dhaʼa;
miilla isaatiinis mallattoo kenna;
quba isaatiin argisiisa;
14inni garaa isaa isa sobaadhaan hammina yaada;
yeroo hundas lola kakaasa.
15Kanaafuu badiisni yommusuma isatti dhufa;
inni akkuma tasaa caba; deebiʼees hin fayyu.

16 Waaqayyo waan jaʼa jibba;
waan torba immoo ni xireeffata; isaanis:
17Ija of tuulu,
arraba sobu,
harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu,
18garaa mala hamaa malu,
miilla gara jalʼinaatti ariifatu,
19dhuga baatuu sobaa kan soba dhangalaasu,
nama obboloota gidduutti lola kakaasuu dha.

Akeekkachiisa Waaʼee Ejjaa Irratti Kenname

20Yaa ilma ko, ajaja abbaa keetii eegi;
barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
21Bara baraan garaa keetti qabadhu;
morma keettis hidhadhu.
22Yeroo ati deemtu isaan si qajeelchu;
yeroo ati raftu si eegu;
yeroo ati hirribaa kaatu illee si haasofsiisu.
23Ajajni kun ibsaadhaatii;
barsiisni kunis ifa;
sirreeffamni amalaa immoo karaa jireenyaa ti;
24isaan dubartii hamtuu irraa,
niitii kashlabbee afaan dammaa irraa si eegu.

25Garaa kee keessatti bareedina ishee hin dharraʼin;
yookaan akka isheen ija isheetiin si boojitu hin godhin.

26Sagaagaltuun buddeena tokkoon bitamtiitii;
ejjituunis jireenyuma kee adamsiti.
27Namni bobaa jalatti ibidda baadhatee
wayyaan isaa hin gubanne jiraa?
28Namni ibidda cilee irra ejjetee
miilli isaa hin gubanne jiraa?
29Namni niitii nama biraa wajjin ciisus akkasuma taʼa;
namni ishee tuqu kam iyyuu utuu hin adabamin hin hafu.

30Yoo hattuun tokko beela baʼuuf jedhee hate,
namoonni hin tuffatan.
31Garuu inni yoo qabame dachaa torba baasa;
miʼa mana isaa hundas ni kenna.
32Namni sagaagalu qalbii hin qabu;
namni waan akkasii hojjetu ofuma galaafata.
33Qoodni isaa dhaanamuu fi salphachuu dha;
qaaniin isaa yoom iyyuu isa irraa hin haqamu.

34Hinaaffaan aarii dhirsaa kakaasaatii;
inni yeroo haaloo baʼutti dhiifama tokko iyyuu hin godhu.
35Inni beenyaa tokko illee hin fudhatu;
hammam baayʼatu iyyuu inni mattaʼaa ni dida.
Copyright information for GazHAHl