Proverbs 7
Sagaagaltuu Irraa Of Eeggachuu
1Yaa ilma ko, dubbii koo eegiitiiajaja koos of keessatti kuufadhu.
2Ajaja koo eegi, ati ni jiraataatii;
barsiisa koos akkuma qaroo ija keetiitti eegi.
3Quba keetti isaan hidhadhu;
gabatee garaa keetii irrattis barreeffadhu.
4Ogummaan, “Ati obboleettii koo ti” jedhi;
hubannaa immoo, fira koo jedhii waami;
5isaan sagaagaltuu irraa, niitii kashlabbee dubbii isheetiin
nama harkiftu irraa si eegu.
6Ani foddaa mana koo biraa keessaan,
karaa qaawwaatiin ala ilaale.
7Ani warra homaa hin dandeenye keessatti,
dargaggoota keessatti hubadhee
dargaggeessa qalbii hin qabne tokko arge.
8Innis karaa mana ishee dhaqu qabatee
daandii golee mana ishee bira jiruutiin gad buʼaa ture.
9Kunis yeroo aduun dhiitee lafti dimimmisaaʼaa turetti,
yeroo halkan dukkanaaʼuu jalqabetti ture.
10Dubartiin tokko akka sagaagaltuutti uffattee
yaada haxxummaatiin isa simachuuf gad baate.
11Isheen iyyituu fi kashlabbee dha;
miilli ishee mana hin dhaabatu;
12takka daandii irratti, takka oobdii irratti,
golee hundatti riphxee nama eeggatti.
13Isheen qabdee isa dhungatti;
fuula qaanii hin qabneen akkana jettiin:
14“Ani aarsaa nagaa dhiʼeessuun qaba;
harʼa wareega koo guuttadheera.
15Kanaafuu ani si simachuufin gad baʼe;
ani barbaadee si argadheera!
16Ani wayyaa bareedduu quncee talbaa irraa hojjetame kan Gibxii dhufeen,
siree koo afee miidhagseera.
17Ani qumbiin, argeessaa fi qarafaan
siree koo urgeesseera.
18Kottu mee hamma bariitti gad fageenya jaalalaa walii wajjin dhugnaa;
kottu jaalalaan of gammachiifnaa!
19Dhirsi koo mana hin jiru;
inni karaa dheeraa deemeera.
20Inni boorsaa isaa maallaqaan guuttatee deeme;
hamma jiʼi goobanutti manatti hin deebiʼu.”
21Isheen dubbii miʼooftuudhaan karaa irraa isa jalʼifte;
haasaa nama sossobuunis isa dirqisiifte.
22Innis akkuma sangaa qalamuuf deemuutti,
akkuma gadamsa kiyyoo keessa seenuuttis
yommusuma kaʼee ishee duukaa buʼe;
23akkuma simbira kiyyootti ariifattuutti,
inni hamma xiyyi tiruu isaa waraanutti
akka wanni kun lubbuu isaa galaafatu hin beeku.
24Egaa yaa ilmaan ko, na dhaggeeffadhaa;
waan ani jedhus qalbeeffadhaa.
25Akka garaan kee karaa isheetti garagalu hin godhin;
karaa kee irraas baddee daandii ishee irra hin buʼin.
26Namoonni hedduun warra isheen lafaan dhooftee dha;
namoonni jajjaboon baayʼeenis harka isheetti dhumaniiru.
27Manni ishee karaa qileetti nama geessu,
kan gola duʼaatti gad nama buusuu dha.
Copyright information for
GazHAHl