‏ Proverbs 8

Waamicha Ogummaa

1Ogummaan hin iyyuu?
Hubannaanis sagalee isaa ol hin fudhatuu?
2Isheen qarqara karaa, lafa ol kaʼaa irra,
iddoo daandiin itti wal gaʼu dhaabatti;
3karra magaalaatti nama galchu bira,
balbala dura dhaabattee akkana jettee iyyiti:
4“Yaa namoota, ani iyyeen isin waama;
ani ilmaan namaa hundatti sagalee koo ol nan fudhadha.
5Isin warri homaa hin beekne, qalbii horadhaa;
isin warri gowwaan hubannaa argadhaa.
6Ani waan faayidaa qabu nan dubbadhaatii, dhagaʼaa;
waan qajeelaa dubbachuufis afaan koo nan banadha.
7Afaan koo dhugaa dubbata;
arrabni koo hammina jibbaatii.
8Dubbiin afaan koo hundinuu qajeelaa dha;
dubbii koo keessaa tokko iyyuu jalʼaa yookaan micciiramaa miti.
9Nama waa hubatuuf dubbiin koo hundinuu qajeelaa dha;
warra beekumsa qabuufis hirʼina hin qabu.
10Qooda meetii gorsa koo,
warqee qulqulluu caalaas beekumsa filadhu;
11ogummaan lula diimaa caalaa gatii guddaa qabdii;
wanni ati hawwitu tokko iyyuu isheedhaan wal hin madaalu.

12“Ani ogummaan, qalbii wajjin nan jiraadha;
ani beekumsaa fi hubannaa qaba.
13 Waaqayyoon sodaachuun jibbuu dha;
hammina ani of tuulummaa fi of guddisuu,
amala hamaa fi haasaa jalʼaa nan jibba.
14Gorsaa fi murtiin dhugaa kan koo ti;
ani hubannaa fi humna qaba.
15Mootonni anaan moʼu;
bulchitoonnis anaan seera qajeelaa baasu.
16Ilmaan moototaa anaan bulchu;
namoonni bebeekamoon hundis anaan biyya bulchu.
17Ani warra na jaallatan nan jaalladha;
warri na barbaadanis na argatu.
18Soorumnii fi ulfinni, qabeenyii fi
badhaadhummaan dhuma hin qabne harkuma koo jiru.
19Iji koo warqee qulqulluu caala;
buʼaan narraa argamus meetii filatamaa caala.
20Ani karaa qajeelummaa irra,
daandii qajeelaa irras nan deema;
21warra na jaallatutti qabeenya nan dhangalaasa;
mankuusa qabeenya isaanii illee nan guuta.

22Waaqayyo waan bara durii hojjeteen dura,
hojii isaa kan jalqabaatiin dura na aanfate;
23ani utuu addunyaan hin uumamin dura,
jalqabumatti, bara hamma hin qabneen dura nan muudame.
24Ani utuu tuujubni hin jiraatin,
utuu burqaawwan bishaaniin hin guutamin dhaladhe;
25utuu tulluuwwan iddoo isaanii hin dhaabamin dura,
ani gaarraniin dura nan dhaladhe;
26utuu inni lafa yookaan dirree ishee
yookaan biyyoo addunyaa tokko iyyuu

hin uumin dura nan dhaladhe.
27Yeroo inni samiiwwan hundeessetti,
yeroo inni dhidhima irra muummee kaaʼetti ani achin ture;
28yeroo inni gubbaatti duumessa jabeessee dhaabee
madda tuujubaa illee hundeessetti ani achin ture;
29yeroo inni akka bishaanonni ajaja isaa hin cabsineef jedhee,
galaanaaf daangaa dhaabetti,
yeroo inni lafa hundeessetti ani achin ture.
30Yeroo sanatti ani ogeessa hojii harkaa taʼee isa biran ture.
Ani yeroo hunda fuula isaa dura burraaqaa,
guyyuma guyyaadhaan gammachuudhaan guutamaan ture;
31ani guutummaa addunyaa isaa keessatti ililchaa,
ilmaan namaatti illee gammadaan ture.

32“Eegaa yaa ilmaan ko, mee na dhagaʼaa;
warri karaa koo eegan eebbifamoo dha.
33Gorsa koo dhaggeeffadhaatii ogeeyyii taʼaa;
isa hin tuffatinaa.
34Namni na dhagaʼu,
kan guyyaa hunda balbala koo eegu,
kan karra koo dura turu eebbifamaa dha.
35Namni na argatu kam iyyuu jireenya argata;
Waaqayyo biratti illee fudhatama argata.
36Namni na hin arganne garuu ofuma miidha;
namni na jibbu hundinuu duʼa jaallata.”
Copyright information for GazHAHl