Proverbs 9
Ogummaa fi Gowwummaa
1Ogummaan mana ishee ijaarratte;utubaa ishee torbanis dhagaa irraa qopheeffate.
2Isheen horii qalattee daadhii wayinii ishee bulbulatte;
maaddii ishee illee qopheeffatte.
3Tajaajiltoota ishee dubarran ergattee
fiixee magaalaa irraa lallabde.
4Isheen warra qalbii hin qabneen akkana jetti;
“Isin warri homaa hin beekne hundi as kottaa!
5Kottaatii nyaata koo nyaadhaa;
daadhii wayinii ani bulbuladhe illee dhugaa.
6Karaa gowwummaa keessanii sana dhiisaatii jiraadhaa;
karaa hubannaa irra deemaa.
7“Namni nama namatti qoosu gorsu kam iyyuu ni arrabsama;
namni nama hamaa ifatu kam iyyuu ni salphata.
8Ati nama namatti qoosu hin ifatin; inni si jibbaatii;
nama ogeessa ifadhu; inni si jaallataatii.
9Nama ogeessa gorsi; inni ittuma caalchisee ogeessa taʼaa;
nama qajeelaaf barumsa kenni; inni beekumsa isaatti dabalaatii.
10“Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti;
isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.
11Karaa kootiin barii jireenya keetii ni dheerata;
jireenya kee irrattis waggoonni ni dabalamuutii.
12Yoo ati nama ogeessa taate, ogummaan kee si badhaasa;
yoo ati kan namatti qoostu taate suma qofatu gidirama.”
13Dubartiin gowwaan oduu baayʼifti;
isheen raatuu homaa hin beeknee dha.
14Isheen balbala mana ishee dura,
fiixee magaalaa gubbaa barcuma irra teessee
15warra achiin darban, kanneen qajeelanii
daandii isaanii irra deeman waamti.
16Isheen warra qalbii hin qabneen akkana jetti.
“Isin warri homaa hin beekne hundi as kottaa!
17Bishaan hatan ni miʼaawa;
nyaanni dhoksaan nyaatanis guddoo namatti tola!”
18Isaan garuu akka warri duʼan achi jiran,
akka keessumoonni ishee dhidhima awwaalaa keessa jiran illee xinnuma beeku.
Copyright information for
GazHAHl