Proverbs 10
Fakkeenyawwan Solomoon
1Fakkeenyawwan Solomoon: Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa;ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa.
2Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu;
qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
3 Waaqayyo akka warri qajeelaan beelaʼan hin eeyyamu;
hawwii jalʼootaa garuu ni busheessa.
4Harki hojii hin hojjenne nama hiyyoomsa;
harki jabaatee hojii hojjetu garuu nama sooromsa.
5Namni yeroo bonaa midhaan walitti qabatu ilma ogeessa;
kan yeroo midhaan galfamutti rafu immoo ilma nama qaanessuu dha.
6Eebbi mataa qajeeltotaatti gonfoo kaaʼa;
afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.
7Yaadannoon nama qajeelaa eebba taʼa;
maqaan nama hamaa garuu lafa irraa bada.
8Namni garaa isaatti ogeessa taʼe ajaja fudhata;
gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.
9Namni amanamaan sodaa malee deema;
kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama.
10Namni ija hamminaatiin waa namaan jedhu rakkoo uuma;
gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.
11Afaan nama qajeelaa burqaa jireenyaa ti;
afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.
12Jibbi lola kakaasa;
jaalalli garuu balleessaa hunda haguuga.
13Ogummaan hidhii nama waa hubatuu irratti argamti;
uleen immoo dirra nama hubannaa hin qabnee irra buʼa.
14Namoonni ogeeyyiin beekumsa kuufatu;
afaan gowwaa garuu badiisa waama.
15Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha;
hiyyummaan garuu badiisa hiyyeeyyii ti.
16Mindaan qajeeltotaa jireenya;
galiin hamootaa garuu cubbuu fi duʼa.
17Namni gorsa fudhatu karaa jireenyaa irra deema;
namni adaba didu kam iyyuu garuu warra kaan karaa irraa jalʼisa.
18Namni hidhii sobuun jibba dhokfatu,
kan maqaa namaa balleessus gowwaa dha.
19Yoo dubbiin baayʼatu, cubbuun keessaa hin dhabamu;
namni arraba isaa eeggatu garuu ogeessa.
20Arrabni nama qajeelaa meetii filatamaa dha;
garaan nama hamaa garuu faayidaa xinnoo qaba.
21Arrabni nama qajeelaa nama hedduu soora;
gowwoonni garuu hubannaa dhabiisaan duʼu.
22Eebbi Waaqayyoo nama sooromsa;
inni rakkina tokko illee itti hin dabalu.
23Gowwaan amala hamaadhaan gammachuu argata;
namni waa hubatu garuu ogummaatti gammada.
24Wanni namni hamaan sodaatu isumatti dhufa;
hawwiin nama qajeelaa immoo ni guutamaaf.
25Yeroo bubbeen hamaan bubbisu namoonni hamoon ni badu;
qajeeltonni garuu bara baraan jabaatanii jiraatu.
26Akkuma wanni dhangaggaaʼaan ilkaan miidhee, aarris ija miidhu sana
namni dhibaaʼaan warra isa ergatu miidha.
27 Waaqayyoon sodaachuun bara jireenya namaa dheeressa;
umuriin nama hamaa garuu ni gabaabbata.
28Abdiin nama qajeelaa gammachuu taʼa;
wanni namni hamaan eeggatu garuu ni bada.
29Karaan Waaqayyoo nama qajeelaaf daʼoo dha;
nama jalʼaaf garuu badiisa.
30Qajeeltonni yoom iyyuu hin fonqolfaman;
hamoonni garuu lafa irratti hin hafan.
31Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata;
arrabni jalʼaan garuu ni kutama.
32Arrabni nama qajeelaa waan fudhatama qabu dubbata;
afaan nama hamaa garuu waan jalʼaa qofa dubbata.
Copyright information for
GazHAHl