Proverbs 11
1Waaqayyo madaalii hin amanamne ni balfa;madaalii dhugaatti immoo ni gammada.
2Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa;
gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa.
3Amanamummaan tolootaa isaan dura deema;
warri hin amanamne garuu dabuma isaaniitiin badu.
4Guyyaa dheekkamsaatti qabeenyi faayidaa hin qabu;
qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
5Qajeelummaan warra mudaa hin qabnee karaa qajeelaa baasaaf;
hamoonni garuu hamminuma isaaniitiin badu.
6Qajeelummaan tolootaa isaan oolcha;
warri hin amanamne garuu hawwii hamaadhaan qabamu.
7Yeroo namni hamaan duʼu, abdiin isaas ni bada;
wanni namni hamaan eeggatus ni barbadeeffama.
8Namni qajeelaan rakkoo jalaa ni baafama;
rakkoon sunis qooda isaa nama hamaa irra gaʼa.
9Namni Waaqatti hin bulle dubbii afaan isaatiin ollaa isaa balleessa;
namni qajeelaan immoo beekumsaan miliqa.
10Yommuu namni qajeelaan badhaadhu magaalaan ni gammada;
yommuu namni hamaan barbadaaʼu immoo iyya gammachuutu dhagaʼama.
11Eebba nama tolaatiin magaalaan ulfina argata;
afaan nama hamaatiin garuu ni barbadeeffama.
12Namni sammuu hin qabne ollaa isaa tuffata;
kan hubannaa qabu garuu ni calʼisa.
13Namni odeessu dhoksaa gad baasa;
kan amanamu garuu icciitii eega.
14Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa;
baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama.
15Namni nama hin beekneef wabii taʼu ni rakkata;
namni namaaf kakachuuf jedhee harka dhaʼuu didu immoo nagaan jiraata.
16Dubartiin gara laafettiin ulfina argatti;
namoonni garaa dhagaa immoo qabeenya qofa argatu.
17Namni gaariin of fayyada;
gara jabeessi garuu rakkina ofitti fida.
18Namni hamaan mindaa sobaa argata;
kan qajeelummaa facaafatu immoo badhaasa dhugaa argata.
19Namni qajeelaan dhugumaan jireenya argata;
kan waan hamaa duukaa buʼu garuu gara duʼaa argata.
20 Waaqayyo warra yaada jalʼaa qaban balfa;
warra karaan isaanii mudaa hin qabnetti immoo ni gammada.
21Waan kana hubadhu: Namni hamaan utuu hin adabamin hin hafu;
qajeeltonni garuu bilisa baʼu.
22Dubartiin miidhagduun qalbii hin qabne
akkuma qubeelaa warqee kan funyaan booyyeetti jirtuu ti.
23Wanni qajeeltonni hawwan gaarii taʼaaf;
abdiin hamootaa garuu dheekkamsa qofa taʼa.
24Namni tokko toluma waa namaa kenna;
taʼus ittuma caalchisee sooroma;
kaan immoo waan kennuu malu dhowwata; taʼus inuma hiyyooma.
25Namni arjaan ni badhaadha;
namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa.
26Nama dhoksee midhaan kuufatu sabni ni abaara;
kan gurguruuf fedhii qabu immoo eebbatu gonfoo taʼaaf.
27Namni waan gaarii barbaadu carraa gaarii argata;
hamminni garuu nama hammina barbaadutti dhufa.
28Namni sooruma ofii isaa abdatu kam iyyuu ni kufa;
qajeelaan garuu akkuma baala magariisaatti lalisa.
29Namni maatii isaatti rakkoo fidu bubbee qofa dhaala;
gowwaan immoo garbicha nama ogeessaa taʼa.
30Iji nama qajeelaa muka jireenyaa ti;
namni lubbuu namaa baraaru immoo ogeessa.
31Erga qajeeltonni lafa irratti gatii isaanii argatanii,
namni Waaqatti hin bullee fi cubbamaan hammam caalaa haa argatanii ree!
Copyright information for
GazHAHl